Odeessa Gaddaa
=====================================
Dr Taaddasaa Eebbaa, hayyuun Oromoo Hoggana olaanaa ABO duraanii Kan ta’an dhukubsatanii yaalamaa kan turan guyya har’aa kana boqatanii jiru . Dr Taddasaan amnaa dheeraa Qabsoo bilisummaa saba Oromoo ABO n geggeeffamu keessatti cichoomnaan jaala dirqama sadarkaa garaagaraa heedduu bahataa turanidha.
Hayyuu Oromoo jaal Dr Taddasaan kurnoota 4 dura hayyoota dantaa dhunfaa lakkisuun qabsoo sabaa filatanii jiruu fi jireenyaa isaanii dirqama qabsoon isaan irraa barbaadu qooda ba’ataa asiin ga’an. Addi bilisummaa Oromoo -ABOn yeroo kanatti qabsa’aa gameessa of biraa dhabuutti guddoo gaddaa , maatii Dr Taaddasaa Eebbaa, Miseensonni keenyaa , mararfattoonnii fi mijuuwwaan qabsoo bilisummaa Oromoo fi ummata bal’aa Hawaasa Oromoo dhaaf jajjabina hawwina. Lubbuu jaala keenya DrTaaddasaa Eebbaaf jannata hawwina.
Miseensonni keenyaa fi hawaasni Oromoo hunduu sirna awwwalcha isaanii naannoo itti boqotanitti raawwatamuu deemu irratti argamuun gadda waloo keenya akka qooddattan dhaammataa seenaa Dr Taaddasaa Eebba guutuu isaa ammoo gara fuula duraa tti isiiniif Kan dhiyeessinu ta’a.
Qabsaa’aan ni kufa qabsoon itti fufa!
IUOF
Adda bilisummaa Oromoo – ABO
Caamsaa 02/2022