Du’aan Boqochuu Jaal Dr. Fidoo Eebbaa Ilaalchisuun Yaada Namoota Midiyaalee Hawaasaa irratti barreessa jiran.

Du’aan Boqochuu Jaal Dr. Fidoo Eebbaa Ilaalchisuun Yaada Namoota Midiyaalee Hawaasaa irratti barreessa jiran.

(SQ-Caamsaa 03, 2022)

“Najjoo hanga Dirree Dhiyaatti, Dirree Dhiyaa hanga Dirree Bahaatti, Waajjira ABO Gullallee hanga Odaa Bultumitti, Waajjira ABO Washington DC hanga Aurooppaatti, Kaaba Amerikaa hanga Afirikaa Biyyoota garaagarratti, Waajjira ABO Asmaraa, Afirikaa Kibbaa, Ugaandaa, Keeniyaa, Sudaan fi biyyoota heedduu Afirikaa, Kaaba Amerikaa fi Aurooppaa dhimma QBO fi hojii ABOtiif bakki miilli isaanii hin ejjentiin, Sagaleen isaanii hin dhaqqabiin, Barreeffamaan, Bilbilaa fi qaamaan, Dhimma SBO fi hojii Dippiloomaasii dhimma saba Oromoo fi waayee Bilisummaa saba Oromoo fi Dhimma biyya Oromiyaa irratti manaa fi namni biyyaa fi waajjirri isaan hin seeniin, hin rurukkitiin yoo jiraate ykn kan hafe xiqqaa dha.

Kabajamaa fi jaallatamaa J/Dr.Fidoo Eebbaa.

Humna ijoollummaa fi bifa dargaggummaa isaanii dhimma saba isaanii fi waayee biyya isaanii (Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf) utuu qabsaawanii dabarsan. Waan fiigaa turanii, halkanii fi guyyaa haara galfii tokko malee utuu hojjetanii, nuffee fi dadhabe utuu hin jedhiin, ba’aa QBO utuu of irraa lafaan hin ga’iin duuti karaatti isaan hanqifte.

J/Dr.Fidoo Eebbaa

Hanga qabsoo bilisummaa Oromoo keessa turanitti sadarkaa miseensummaa irraa eegalanii hanga hoggana ABO olaanaa (MShG)tti hojjetaniiru. Hanga guyyaa du’aan boqataniitti Gorsaa dhaaba ABO ta’anii dhaaba isaanii ijoollummaa hanga maanguddummaatti jiruu fi jireenya godhatanii hojjetaa turan tajaajilaa turan.

J/Dr.Fidoo Eebbaa waan baayyee QBO keessatti nu barsiisanii fi hojjetanii hojiin nu dhaalchisan waan danuu hin dagatamnee fi yoomuu hin irraanfatamne nu dhaalchisaniiru.

J/Dr. Fidoon miseensota dhaabaa wal qixaa kan ilaaluu fi guddaa, xiqqaa, hogganaa, miseensa jedhee nama hin loognee fi sirna dhaabaa, naamusaa fi sansakkaa miseensa ABO fi Hoggana ABO kabajee kabachiisuu fi fakkii miseensaa fi hoggana hundaa turan.

Biyyoota Alaa keessaa addatti Kutaa Amerikaa fi Kanaadaa Konyaalee isaan dhimma QBOtiif jecha hin ejjetiin. Waltajjii fi walga’ii isaan irratti argamanii hin geggeessiin hin jiru.

J/Dr.Fidoo Eebbaa miseensota ABOtiif Hogganummaa qofaa utuu hin ta’iin akka Abbaa Obboleessaatti jaallan isaa nama gorsuu fi tiksu turan. Maanguddoo QBOn qabuu fi Utubaa ABOn qabaataa turee dha. Jaalalaa fi mararfannoon Jaallummaa fi kabajaan Kaayyoo ABO kuusaan isaa J/Dr. Fidoo Eebbaa bira ture. Waan hedduus irraa baranneerra. Waan jajjabduu cichoomina kaayyoo fi eenyummaa ofii (Sabboonummaan Oromummaa)akka dammaa akka miyooftu, Gabrummaa fi biyya dhabuun mirga ofii sarbamuun namaan gadii akka nama gootuu fi boquu nama cabsitu, hadhaan gabrummaa maal akka taate kitaabota isaan barreessan warra akka Gadaa Balbaa fi kan biroo irraa hubachuun ga’aa dha. Waayee J/Dr. Fidoo Eebbaa waan barreeffamaan himamee xumuuramuu miti.

Angafoota QBO fi Maangudoota Kuusaa Dhaaba ABO kan turan J/Dr.Fidoo Eebbaa, haala yeroo ammaa hamtuu fi rakkiftuu kana keessatti isaan of biraa dhabuun keenya gadda guddaa dha.

J/Dr.Fidoo Eebbaa Waaqni Oromoo jeennataan isaan haa qanansiisu.
Ilmaan isaanii, Haadha manaa isaanii, Obboleessa isaanii walumaagalatti Firoottanii fi maatii isaaniif Waaqayyo jajjabina haa kennuuf. QBOtiif obsaa fi murannoo nuuf haa kennu.

Jaallan galfataa fi amaanaa Jaallan lubbuun dabranii seexaa fi miciraan godhannee ba’aa isaanii ofitti fuunee Qabsoo Bilisummaa kan galmaan geenyu Waaqni nu haa taasisu.

Qabsaawaan kufus, Qabsoon hin kufu!
Qabsoo kan jiru itti haa fufu!

Injifannoo Ummata Oromoof!”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *