Waldhabdee Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo :

  • Waldhabdee Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo :BilchinaHooggansaa fi Galma Gahiinsa Qabsoo Oromiyaatiif

     

    Leenjisaa Kitilaa-tiin

     

    Waldhabdee (conflict) yeroo dhageenyu miira soda,yaaddoo yoohin taane maaltu nutti dhaga’amaa? Waldhabdee ilaalchisuunhayyooti,ogeeyyii fi qorattootni dhimma waldhabdee irrattiadeemsisan yaada matayyaa isaanii qooddataa turan.Irras jiru.

    Hayyooti qorattooti waldhabdeen jiruuf jireenya ilma namaakeessatti isa ijoo fi waan hin hafnedha jedhu.Hojiin hojjetamukamuu wal dhabdee namoota gidduutti uumuudhanda’a.Waldhabdeen kunis gara fincilaa fi jeequmsaa akka hingeenye irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu isaa waldhabdeenyeroo barbaachisaa keessatti to’atamuun nagaa namootadhuunfaa,maatii olla fi gandaa hanga biyyaatti jiru eeguufbarbaachisaadha jedhu.

    Waldhabdee jechuun waan garaagarummaa yaadaa fi gochaairraa maddu,wal hubannaa,obsaa fi tasgabbiin yoo iaaluu fi ilaafilaameen hin hiikamne rakkooo uumuu haa ta’u maleewaldhabdeen yeroo fi bakka muurteessaatti to’atame guddinaguddina  fi jijjiiramaaf isa abdatamaa akka ta’es qorannoodhaanraggaasisu.

    Waldhabdeeen akkamitti?

    Waldhabdeen gochaa ykn haasaa fi yaada walii waldhaggeeffach dhabuudhaan kan dhufudha.Akkataan ittiwaldhabdeen bulchinsa keessatti uumamu kun akkamamitti akkauumame,maaliif akka uumamee fi  eenyuun akka uumamebeekuun barbaachisaadha.Wal dhabdee hanqina hubannaauumamanii fi amalli hojii uumu marii f wal dhaggeeffachuunfuruu waan danda’udha.Waldhabeen uumame tasumaa lolaafkan geessisuu fi dhiisu ta’uu isaa murteessuufis waldhabdeenjiru kan akkamii akka ta’e adda baasanii beekuun dirqamajechuudha.

    Barreeffama isiniif barreessu kanaanis waldhibii xixiqqaamooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessattiargaman,dhaga’amanii fi irratti dubbataman akkamitti haaqabnu? To’annuu fi galma gahiiinsa qabsoo biyya keenyaatiifakkamitti haa oolchinu kan jedhu irraa yaada eyyentaa (positive) ta’e walii qooduun mooraan qabsoo bilisummaa Oromooakkamiin gaaga’a ololaa irra bu’uurra;waldhabdee kana garafaayida qabeessaatti jijjiira kan jedhuuf yaadameeti.

    Waldhabdee Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoottimuudatan.

    Waldhabdeen amala isaatiin wal hubachuu dhabuurraa kanmaddu haa jedhamu malee ergama yaada faallaa qabachuutiinuumamu ta’uus ni danda’a.Akkuma beekamu ImpaayerriItoophiyaa gaaffii sabboonummaa Oromoo ija shakkiitiin ilaaluufi soda guddaa qabanirraa waldhabdee seenessa sobaatiinOromoo wajjin lolatti galan kanatti waldhabdee abboota isaaniigara diinummaa fi jeequmsaatti jijjiranii har’aga’aniiru.Kanaafis akkuma mooraan qabsoo Oromoo gadidhaabbateen irra deddeebiin mooraan qabsoo bilisummaaOromoo waldhabdee gara jeequmsaatti ce’uun gaaga’amaxixiqqaa irra tarkaanfatee har’a gahee jira.

    Dirree Bahaatti,Dirree Lixaatti akkasumas Gullallee hammaMoyaalee fi Gidaamii akkasumas hanga Goobelleettiuumamera.Garuu maalif uumame? Eenyuu fi akkamiin uumamekan jedhu hubannaa tasgabbii qabuun ilaaluun barbaachisaadha.

    Addi Bilisummaa Oromoo jijjiirama butameen gara biyyaattigaluun isaa ifaadha.Addi bilisummaa Oromoo ABOn garabiyyaatti wayita galetti impaayerri Itoophiyaa strategic intelligence warra ta’an diriirsuun sochii ABO fi WBO akkasumas sochii warraaqawaa uummata bal’aaqorachuu,hordofuu fi akkaataa itti humna hawaasa bal’aa kana diigan irratti hojjechaa turan.

    Haalli itti ABOn walii galee gara biyyaa gahe kun durumaanjarjartii uummati Oromoo uumee fi hooggansa isaa jala deemuudhabuurraa waan madde fakkaata.Ganna bara 2018 keessahawaasi Oromoo yeroon bilisummaa geessee jirti isin durumaaAsmaraa taa’uu bartan jechuun hoogganaa fi qabsaa’otisadarkaa qabsoon biyya keessaa eessa akka gahee fi jiru odumabeekanii waliigalteetti galuuf dirqamuurra darbanii garabiyyaatti yeroo seenan haalli walxaxaa fi danqamni guddaanakkasumas gaaga’amni gahee,qabsaa’oti kaan nuffanii kanammoo burjaajii impaayerichaatiin tamsa’uuf dirqaman.

    Bu’aa bahii ulfaataa kana keessatti hooggansi ABO mana hidhaaFinfinnee jedhamu erga seenee booda  waraana WBO hiikkachiisuu irratti mootummaa Itoophiyaa wajjin wal falmiijabaa keessa seename.Kana irraa ka’uun Jaal Daawud Ibsaangama isaaniitiin “Hiikkataa fi hiikkachiisaan eenyu?” jechuundubbatanii ture.Haa ta’u malee,dhimma waraanaa mootummaattikenneera jedhi jechuun wayita dirqii siyaasawaa ta’een ittiadeeman,yaada Impaayeratti miliquudhaan “WBO Abbooti I Gadaa fi Uummata Oromootti kennera” jedhan.

    WBOn ammoo oolee bulee ABO-WBOn ta’a yaada jedhuAjajaa Walii Galaa Dirqama Qabsoo itti kennuun as bahuunkaraa Jaal Kumsaa Dirribaa qaama addaa akka ta’etti of labse.

    Haalli kun har’a mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti ololaa fi wal cabsuu dur baratame fidee kan jirudha.Haa ta’u malee, rakkoo fi wal dhabdeen yaadaa kun wal hubannaan akkafuramuu fi danqa mooraa qabsootti akka hin taaneef maalgochuuti nu irra jira jechuun dirqama ta’a.Kunis,durduriidaa’imti aabboonis aayyoonis hin balleessine jetteen walfakkaata.

    Dhugumatti Jaal Daawud waraana kana isini harka taa’eenhooggana jechuu didan jechuudhaan WBOn bosonaa lolukomachuun madaala hin kaasu.Garuu kana jechuun WBOnhooggansa malee haa jiraatu jedhanii murteessuuf immoocubbuu guddaadha.Kanaaf,garri lachuu hooggansaan addabahuun waanuma sirriidha jechuudha.

    Garuu,ololli adeemuu fi wal diinomsuun gara hundumaa waangaaga’uuf of eeggachuun dirqama ta’a jechuudha.Hooggannibilchina qabuun rakkoo fi waldhabdee jiru xobbeetti gabaabsuungarri hunduu olola irraa of qabee mariin furmaata barbaaduunwaan dirqamaati.Kana jechuun dirqama walii galuu jechuu mitigaraagarummaa jiru hubataniii uummata bal’aa yeroo ammaakana rakkoo keessatti kufee jiruuf sagalee ta’uu fi hojiibarbaachisaa hojjeechuuf jecha obsa qabaachuun dirqamabarbaachisaadha.Jaallan hundumtuu yeroo Oromoo bal’aanqe’ee fi qabeenya isaa dhabee buqqa’aa jirutti garaagarummaakeenya kaawannee uummata keenyaaf waan irbuun itti nurra jirumaal haa hojjennu jennee wal haa gaafannu.Rakkoo mooraaQabsoo bilisummaa Oromootti rakkoo jiru kana achi keenyeediinota keenya ijoo warra ta’an irratti fuula naannessuun dhibiijiru namuusaa fi obsaan bulfachuun bilchina hoggansaa fi galmagahiinsa qabsoo keenyaatiif murteessaadha.

    Injifannoon Uummata Bal’aaf!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *