Hongeen Itoophiyaatti mudate gaa’ila umurii malee baay’isaa jira jedhe UNICEF
(SQ-Caamsaa 15,2022)
Waqtiilee roobaa sadii roobni roobuu dhabuun Itoophiyaa, Somaaliyaa, Keeniyaa fi Jibuutii bakkeewwan garaagaraatti uummata beelaaf saaxilee jira.
Daayireektariin dhaabbata gargaarsa daa’immanii UNICEF Kaatiriin Raaseel hongee fi beela mudate hordofuun maatiiwwan ijoollee isaanii beela jalaa baasuu fi kennaa yeroo gaa’ilaa argachuuf ijoollee isaanii gaa’ilaaf hin geenye gaa’ilatti galchaa jiraachuu himaniite. Rakkoon kun kutaalee Oromiyaa garaagaraattis mul’achuu ibsuun
Godina Harargee Bahaatti gaa’illi yeroo malee kan bara darbee yeroo walfakkaataa waliin yoo madaalamu dhibbeentaa 51’n dabaluun himameera.
Naannoo Oromiyaa bakkeewwan hongeen itti mudate jahatti bara darbe baatii Guraandhalaa hanga Hagayyaatti daa’imman gaa’ilaaf hin geenye 672 kan heeruman yammuu ta’u, bara kana Fulbaanaa hanga Bitootessaatti immoo daa’imman 2, 282 heeruman.
Dabalataanis sababa hongeetiin daa’imman kuma 600 caalaan barumsa gargar kutuuf dirqamuun eera UNICEF