(SQ-Caamsaa 17-2022)
Caamsaa 16,2022 Godina Matakkal Ona Dibatee ganda Giiphoo jedhamutti waraanni mootummaa Bilxiginnaa Obbo Warquu Waaqjiraa nama jedhanu itti dhukaasuudhaan ajjeesun dhaga’ame.
Obbo Warquu Waaqjiraa maatii isaa humna waraana Bilxiginnaan qe’ee duraan irra jiraachaa turan irraa humnaan buqqisamanii iddoo biraa bakka gargaarsii fi namni isaaniif dirmatu hin jirre qubsiisamanii jiraniif, midhaan ittiin lubbuu tursatan fiduufiif qaama bulchiinsa naannoo irraa hayyama fudhatee gara qe’ee maatiitti deebi’uun midhaan fudhatee wayta deebi’aa jirutti, waraanni mootummaa Bilxiginnaa karaatti qabuun gaaffii tokko malee itti dhukaasee ajjeesaan jedhu.
Oduma walfakkaatun Godina Matakkal Ona Dibaaxii ganda Giiphooti Caamsaa 15,2022 waraanni Bilxginnaa Obbo Lemmeessaa Waaqtolee Waanbar nama jedhamu qabun erga to’atanni booda ajjeessun gataman jedhu maddeen SQ.
Waraanni Bilxiginnaa Raayyaa ittisa biyyaa jedhamu imaammata ummata Oromoo Gandootii keessa jiraatan hunda keessaa buqqaasuu fi bakka isaan tajaajila hawaasummaa argachuu hin dandeenye qubsiisuu raawwatee jira. Haala kanaan gandoota hedduutu humna waraanaan biqqaafame. Ummata humnaan ganda isaa irraa buqqaasuun kun gandeessuu bara Dargii waliin wal fakkaatas jedhu maddeen
Godina Matakkal keessatti ajjechaa, hidhaa,manaaf qabeenya barbadeessuu fi ariisaan waraana mootummaa Bilxiginnaa fi hidhattoota finxaaleyyii Amaaraa Faannoon jedhamaniin lammiilee Oromiyaa irratti raawwatu jabaate itti fufee jiraachuus odeeffanneerra .