๐๐ฎ๐น๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ ๐ต๐ฎ๐ฟโ๐ฎ๐๐๐ถ ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐น๐น๐ฎ๐บ๐ฎ๐บ๐ฒ๐ฒ ๐ธ๐ฎ๐ป ๐๐๐ฟ๐ฒ ๐พ๐ผ๐ป๐ฑ๐ฎ๐ฎ๐น๐น๐ถ ๐๐๐ข ๐๐ฎa๐น ๐๐ผ๐น. ๐๐ฎ๐บ๐บ๐ฎ๐ฐ๐ต๐๐ ๐๐๐๐ฎ๐ฎ๐ป๐ฎ๐ฎ ๐ ๐ฎ๐ป๐ฎ ๐ ๐๐ฟ๐๐ถ๐ถ ๐๐ท๐ถ๐ฏ๐ฏ๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ ๐๐ฒ๐ฑ๐ฒ๐ฟ๐ฎ๐ฎ๐น๐ฎ๐ฎ ๐๐ต๐ฎ๐ฑ๐ฑ๐ฎ๐ฐ๐ต๐ฎ ๐ฏ๐ณ๐ณ๐ฎ๐ฎ๐๐๐ถ ๐ฑ๐ต๐ถ๐๐ฎ๐ฎ๐๐ฒ๐ฒ๐ฟ๐ฎ.
ย ย ย ย ย ย ย ย SQ – CAAMSAA 19,2022
Akka maddeen keenya nuuf ibsanitti, akka dhiyaatanii deebisaa laataniif kan ajajaman Abbaan Alangaa Federaalaa fi Poolisiin Federaalaa dhiyaachuun dhimmicha irratti deebii laataniiru.
Akka dhaddacha kana irratti ibsametti, Poolisni Federaalaa Abbaan Alangaa Federaalaa waan ol iyyannoo irratti gaafateef karaa Poolisii Oromiyaa barbaachisee Jaal Kol. Gammachuu qabuu kan ibse yoo tahu, Jaal Kol. Gammachuun gama isaanitiin gaafan qabame wantin bakka biraatii barbaadame hin turre; Poolisa Federaalaa fi Poolisa Oromiyaa akkasumas Tikni walumaan tahanii na qaban jedhe.
Dhimma kana irratti Abbaan Alangaa Federaalaa gama isaatiin deebisaa laateen, Poolisni Federaalaa Poolisa Oromiyaatu amaanaa na bira keewwate jechuun ibsuufii eeree, gama isaatiin qondaala ABO Jaal Koloneel Gammachuu Ayyaanaa irraa akka dhimma hin qabne xalayaadhaan Poolisa Federaalaaf ibsuu hubachiise.
Poolisiin Federaalaa ammoo, qaamni qabee nutti kenne Poolisiin Oromiyaa akka nu irraa fuudhuuf xalayaan gaafannee dabrees qaamaanis itti geessinus Poolisiin Oromiyaa nu dide jechuudhaan dhaddacha harโa oole kanaaf ibse.
Maayii irratti Poolisiin Oromiyaa qaamaan dhiyaatee dhimma kanaaf deebisaa akka laatu ajajuudhaan Manni Murtii Ijibbaataa Federaalaa Dhaddacha 3ffaa Caffee Araaraa (6 Kiiloo)tti argamu Wiixata, Caamaa 23, 2022tti beellama qabee jira.
SBO IRRAA