Hawaasni Oromoo UK jiraatan hiriira ba’uun gocha Bilxiginnaa balaaleffatan.

Hawaasni Oromoo UK jiraatan hiriira ba’uun gocha Bilxiginnaa balaaleffatan.

(SQ-Caamsaa 20,2022)

Hawaasni Oromoo, biyyoota kanneen Akka kaanaadaa, Ameerikaafi kkf keessatti hiriira ba’uun gochaa Mootummaan Bilxginnaa Sabaa Oromoo fi lammilee Oromiyaa irratti gocha jiru mormaa jiru. Tibbanas Biyya Ameerikaa Magaalaa Minisootafi Kanaadaa Torontootti hiriirri guddaan hawaasa Oromoo achii jiraatuun geeggefamaa tureera.

Haaluma wal fakkaatuun hawaasni Oromoo biyya United Kingdom ykn UK jiraatanis kaleessa Caamsaa 19,2022 Magaalaa Guddoo biyyatti Landanitti hiriira mormii mootummaa nama nyaataa Bilxiginnaa balaaleffatu geggeessaa turan.

Hiriira kana irrattis namoonni hedduun kan hirmaatan yoo ta’u, dhaadannoowwan kanneen akka, Mootummaan UK mootummaa Bilxiginnaa tumsuu dhaabuu qaba, mootummaan Bilxiginnaa ajjeechaa suukanneessaa Uummata Oromoo irratti raawwachaa jiruuf itti gaafatamuu qaba, Ajjeechaan uummata Oromoo irraa haa dhaabbatu, Faannoon Amaaraafi Waraanni Ertiraa Oromiyaa keessaa haa ba’an, Qondaalota ABO dabalatee hidhamtoonni siyaasaa Oromoo hundi nuuf haa hiikaman, Waraanni Bilisummaa Oromoo gaachana Oromoo fi Oromiyaati, pp,n diina Oromooti, Abiy nama ajjeessa, xoopiyaa keessa haqi hin jiru, kan jedhuufi kkf jechuun sagalee isaanii dhageessisaa turuu odeeffanneerra.

Hiriirri mormii kun hawaasa Oromoo biyyoota garaa garaa jiraniin jabaatee itti fufa jedhamee eegama!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *