Itoophiyaan addunyaarraa buqqaatota biyya keessaa hedduu qabaachuun tokkoffaa taate

Itoophiyaan addunyaarraa buqqaatota biyya keessaa hedduu qabaachuun tokkoffaa taate

(SQ-Caamsaa 19,2022)

Gidduugalli lammiilee biyya isaanii keessattii qe’eerraa buqqa’aan to’atu (IDMC) xumura bara 2021 irratti biyyoota addunyaa mara keessa lakkoofsi namoota buqqa’anii miliyoona 59.1 gahuu hime.

Biyyootni buqqaatotni biyya keessaa hedduu keessatti argaman jedhamanimmoo Itoophiyaa, Afgaanistaan, Sooriyaafi Rippablika Dimokiiraatawaa Kongoodha. Afrikaa keessatti biyyoonni ummanni baay’ee keessatti buqqa’e kanneen Sahaaraa gadi argamanidha.

Akka dhaabbatichi jedhetti Itoophiyaa qofatti lakkoofsi nama miiliyona shan galmaa’e lakkoofsa guddicha biyya tokkotti galmaa’edha jedhe.

Waraana Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti eegalee gara naannolee ollaa kanneen akka Amaaraafi Afaaritti ce’een ummatni miliyoonaan lakkaa’amu qe’eerraa buqqa’eera.

Biyyoota Sahaaraa gadi jiran keessaa waldhibdeen walqabatee lakkoofsi namoota buqqa’anii miiliyoona 11.6 dha. Balaa uumamaan walqabatee kan buqqa’an immoo miiliyoona 2.6 dha.

Rippablika Dimokiraatawaa Kongoo, Afgaanistaaniifi Miyaanimaar keessatti bara 2021 buqqaatonni biyya keessaa olaanaa galmaa’uu dhaabbatichi ibseera.

Biyyoota Giddugala Bahaafi Kaaba Afrikaatti waggoota 10 keessatti yeroo jalqabaaf lakkoofsi buqqaatota biyya keessaa xiqqaatuus, ammallee halli namoota naannichatti buqqa’anii jiran yaaddessaadha jedheera.

Dhaabbata gabaasicha baase maallaqaan kan deeggaru Kaawunsili Rifuyigii Norweejiyaanidha. Barreessaan dhaabbata deeggarsa godhu kanaa Jaan Iglaand haala amma addunyaarra jiruun lakkoofsi buqqaatotaa akka dabaluu danda’u himan.

Jaan Iglaand gabaasi kuni lakkoofsa namoota Yukireen keessa buqqa’anii akka hin daballe ibsaniiru.

Angawoonni biyyootaa dararaa dhala namaa hanqisuun akka danda’aniif haala walitti bu’iinsa itti ittisuun danda’amurratti jijjiirama ilaalchaa fiduun barbaachisa jedhaniiru.

Itoophiyaatti bara 2020 keessa buqqaatota biyya keessaa miliyoona 1.8’tu galmaa’e Bara 2021 buqqaatonni biyya keessaa miiliyoona 38 galma’aniiru. Kanneen keessaa miliyoonni 14.4 qe’ee isaaniirraa buqqa’uuf kan dirqaman sababa walitti bu’insaanidha.

Daarektarri giddugalichaa Aleeksaandar Bilaak, bakka buqqa’anitti haala amansiisaa ta’e yoo uumuun hin danda’amne yookiin buqqaatota bakka biraa qubachiisuun yoo dhabame furmaata miti jedhaniiru.

”Rakkoo jireenya buqqaatota hammeesse furuuf hojiiwwan nagaafi misoomaa ni barbaachisu,” jedhan.Akka gabaasichaatti walitti bu’iinsatti aanee namoota kan buqqisaa jiru jijjiirama qilleensaati.

Weerarri Covid-19 illee jireenya buqqaatotaa hammesseera. Buqqaatota akka addunyaatti galmaa’an keessaa miiliyoona 25 gadi kan ta’an umriin isaanii ganna 18 gadidha.!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *