ODUU AMMAA!
Qondaali Olaanaa ABO Jaal. Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Hidhaa Irraa Hiikaman!
(SQ – Caamsaa 25,2022)
Yeroo dheeraadhaaf mana hidhaa Bilxiginnaa adda addaa keessatti bal’eessaa tokkoon maleetti hidhamee haqa dhabuun kan gidirsamaa ture qondaalli olaanaa ABO Jaal Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Caamsaa 25,2022 guyyaa har’aa hidhaa irraa hiikamuun isaa mirkanaa’ee jira.
Manni Murtii Ijibbaata Federaalaa kaleessa Caamsaa 24,2022 Jaal Koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaa irraa akka hiikamu murteesse. Deemsuma kanaan har’a Caamsaa 25,2022 Jaal Koloneel Gammachuu Ayyaanaa mana hidhaa irraa gadhiisamee jira.
Manni Murtii Federaalaa himata Shororkeessummaa Koloneel Gammachuu Ayyaanaa ittiin himatamee ture irraa bilisa gochuun ni yaadatama.