Horro Guduruu Wallaggaatti Finxaaleyyiin Amaaraa Abbaa Mana fi Haadha dabaltee namoota 3 ajjeessun dhaga’ame.

(SQ-Caamsaa 30,2022)

Har’a jechuun Caamsaa 30,2022 Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa jaartee, Ganda Dargee Kootichaa jedhamutti Finxaaleyyiin Amaaraa kan PPn deeggeraman Abba mana fi Haadha mana dabaltee namoota nagaa 3 qe’ee isaanii irratti ajjeessu maddeen SQ nuuf himan.
Namoonni ajjeeffama kunneenis.
1.Obbo Biraanuu Xilahuun Galataa. Umurii 55
2. Addee Alamii Hinsarmuu Kitilaa. umurii 45. Haadha warraa manguddoo Biraanuuti.
3. Sanyii Rattaa Gaddafaa. Daa’ima Umurii 12. Kanneen jedhaman yoo ta’u kana malees manneen uummata heddu qabeenya waliin barbadeessus odeeffanneerra.

Finxaaleyyiin Amaaraa Onkololeessa 10,2021 irra eegale irra deeddebiin Godina Wallaggaa Bahaafi Horro Guduruu Wallaggaa keessatti haleella uummataa nagaa irratti rawwaachu jabeessani itti fufaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *