Yuunivarsiiti Finfinneetti, barattoonni Amaaraa, barattoota Oromoo irratti reebicha geggeessuun dhaga’ame.
(SQ-Waxabajjii 1,2022)
Caamsaa 30/2022 yuuniversiitii finfinnee keessatti Filannoon council barattoota mooricha keessatti kara interneetin geggeeffamaa tureen wal qabatee, sagalee caalmaa barattoonni Oromoo argatan mufachuun, barattoonni moorichaa dhalattoota Amaara ta’an osoo barattoonni Oromoo kutaa barnootaatii bahaa jirani, gurmaa’uun reebicha cimaa barattoota Oromoo irraan ga’uu nuuf himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Reebicha barattoota Amaaraatiin ijoollee Oromoo irratti taasifameenis, barataan Oromoo tokko dhagaan mata keessaa rukutamee baay’ee madaa’uun mana yaalaa jira jedhu.
Barataa moorichaa tokko akka nuuf himettis, barattoota Amaaraa barataa Oromoo madeessaan sana yeroof dhimma nageenyaa mooratiin to’atamaniiru jedhamanis, galgala sana bahani barattoota Oromootti caalatti dhaadachaa turanii jedhu.
Dabalataanis, filaannoon sun karaa websaayiti Yuunivarsiiti Finfinnee kaleessa Caamsaa 31/2022 ganamaa kan gadhiifamee yoo ta’u, barattoonni fedhii isaani malee password isaani qaama hin beekamneen jalaa cabuun , sagaleen isaani hatamee barattoota Amaaraaf kennamuudhaan, barattooonni dhalootaan Amaaraa ta’an shiraan akka waan injifataniitti Yuniversitichi gabaasee jira jechuunis komatu.
Haaluma kanaan barattoonni Amaaraa guyyaa kaleessaas jechuun Caamsaa 31/2022 Mooraa yuniversiitii finfinnee FB jedhamutti, Doormii barattoota Oromootti dhagaadhaan barattoota Oromoo reebaa turaniis jedhu.
Barattoonni Oromoo osoo itti hin yaadin dhagaadhaan doormii isaanii keessatti reebamuun wal qabatee, miidhaa guddaan irra ga’uu kan nuuf hime barataan moorichaa, halkan sa’aa 4:45 booda ammoo Poolisiin federaalaafi finfinnee lakkoofsaan hedduu ta’anis mooraa yuniversitii finfinnee FB jedhamu seenuun doormii barattoota Oromoo caccabsanii ol seenuun barattoota Oromoo irratti reebichaa hamaa fi doorsisa daangaa darbee raawwachaa turuu nuuf himee jira.
Yeroo ammaas jeequmsi finxaaleyyiin Amaaraa kaasaa jiran kun babal’achuun mooraa Yuunivesiitii Finfinnee kiiloo 6 ga’uus nuuf himuun, ammatti namni reebame jiraachuu baatus poolisiin federaalaa doormii barattoota Oromoo cinaa galuun, doorsifamaa jirra jedhan.
Ittuma fufuun barattoonni Oromoo Yuunivarsiiti Finfinnee mooraa kiiloo Afurii fi Shaniis, haalli amma adeemaa jiru baayyee hammaachuu irraan kan ka’e, lubbuu keenyaaf sodaachaa jirra jechuun, gochi finxaaleyyii Amaaraa fi poolisoota federaalaan nurratti raawwachaa jiru hin dhaabbatu taanaan mooricha gadhiisne ba’uuf dirqamaa jirra jedhu.
Yeroo ammaa kanas barattoonni Oromoo Mooraa yuuniversiitii Finfinnee mana kitaabaa, Doormii fi kaaffeedha osoo galanii poolisii federaatiin ukkamfamaa jiraachuus dubbatu.
Nuti barattoonni Oromoo mooraa yuuniversiitii Finfinnee, mirga keenya sarbamaa jiruuf eenyutti akka himannu wallaalaa jirra kan jedhan barattooti moorichaa Uummanni Oromoo biyya keessaafi alaa sagalee nuuf ta’an dhaamsa isaaniiti.
Armaan duras Barattoonni Amaaraa, barreeffama arrabsoo sanyummaa barattoota Oromoo arrabsu mooricha keessa facaasuun wal qabatee, wal dhabdee uumamee tureen finxaaleyyiin Amaaraa yuuniversiitii Finfinnee keessa maadheffatan fi poolisiin federaalaa miidhaa guddaa barattoota Oromoo irraan ga’ani turuu gabaasuun keenya kan yaadatamudha.