Du’aan Boqachuu Artistii fi Qabsaawaa Oromoo Zarihuun Wadaajoo Ilaalchisee Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Ibsa ABO – Ebla 23, 2023
Du’aan boqachuu Artistii fi Qabsaawaa Oromoo Artist Zarihuun wadaajoo yeroo dhageenyutti gadda akkaan ulfaatatuu nutti dhagahame.
Artist Zarihuun wadaajoo Goobanaa seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessaatti umrii isaa dhiiga ijoolummaa itti hobbaafachuu irraa qabee hanga umrii mangudummaatti wareegama ulfaataa baase.
Qooda qabsoo isarraa eeggamu bahachuun wareegama qaamaa qalbii hanga wareegama lubbutti of kennuun qabsaawaa ture. Addatti afaan artiin bara jireenyaa isaa keessatti artistii bilisummaa fi walabummaa jechuun gabrummaa balfee ejjannoo hin daddaaqamneen qabaasaawaa ture goota seenaa mul’ataa fi ifaa hojjatee darbee dha.
Artist Zarihuun Wadaajoo bara jireenyaa isaa keessatti sirnoota gabroomsaa dhufaa lufaa Impaayira Ethiopia cufa dinne didaan gootummaan nama dura dhaabbachaa ture, goota seenaa boonsaa qabuu dha.
Zarihuun wadaajoo bara1952 tti Lixa Oromiyaa gidina wallaggaa bahaa magaalaa Naqamteetti abbaa isaa Obbo Wadaajoo Goobanaa fi haadha isaa aadde Zaawdituu Makkoo Soolan irraa dhalate.
Barnoota isaa sadrkaa 1ffaa M/B Li’ilt Tsahaay Qassoo fi magaalaa Gimbiitti M/B Dajjaazmaach G/Igzihaabiheeritti barate. Barmoota 2ffaa Magaalaa Finfinnee M/B Addis Katamaatti barate.
Ijoollummaa isaan Sirboota aadaa fi warraaqsaa weellisuun kan beekamu, sirnoota abbaa irree Dargii fi EPRDF keessatti dhiibbaa fi dhiittaa irra gahaa ture doorsisa, hidhaa fi reebichaaf osoo hin jilbiiffatin, akka qabsaawaa tokkootti Obsaa fi murannoo horachuun nama qabsoo Oromootti cichee dha.
Artist Zarihuun sirboota jaalalaa, aadaa fi warraaqsaa hedduu sirbe keessaa, Sirboota Qeenxee jalqabaa keessaa kanneen akka, Kottu aramaa aramnaa,Injiraan mataa koo,Tukaanii,Shurrubbee fi kkkf sirbe. Baay’ina sirbootaa dimshaashaan qeenxee 120 Albama ykn Kaaseta 10 sirbeera. Sirboota namoota biraa woliin sirbe keessaa, Wol malee maal qabna? Artist Ilfinesh Qannoo woliin sirbeera.
Sirboota artistoota biroof kenne keessaa, Artist Abbitoo Kabbadaaf “Mee chim chim goona,Ijaan nalaalte,Siddisee,Kan laga yaa’u bishaan” fi kkkf.kenneera.
Bara Dargii Baandii Guddattuu Wallaggaa bakka bu’uun artistoota kanneen akka Artist Ilfinesh Qannoo fi artist Abbitoo Kabbadaa woliin agarsiisa magaalaa Finfinnee galma Tiyaatira Biyyoolessaa (Biheeraawwii Tiyaatir) tti qophaa’e irratti sirba “Kottu Aramaa Aramnaa” jedhu sirbee gaafa inni gara biyya dhalootaatti deebi’u sababa sirba isaa kanaan kan ka’e bulchaa godina Wallagga bahaa yeroo sanii kan turan namni obbo Nugusee Faantaa jedhamu yeroo garagaraa hidhaadhaan rakkisaanii waan turaniif namoonni akka obbo Abiyyuu Galataa fi obbo Tasammaa Nagarii haala mijeessuufiin magaalaa Finfinneetti akka baqatee lubbuu isaa baraaran maatiin isaa ni dubbatu.
Obbo Abbiyyuu fi obbo Tasammaan Keessa dhokachuufis akka ta’ufitti Sinimaa Raasitti akka qacaramu taasisan; Bakka kanattis dorgommii namoota 300 hirmaachiserratti tokkoffaa ba’uun qacaramee, utuu achi hojjetuu addaan kutee gara Hawwisoo ABO tti makame Zarihuun wadaajoo.
Zarihuun bara jireenyaa isaa guutuu, jiruu fi jireenya isaa qabsoo godhachuun, jiruu dhuunfaa fi maatii isaa moggatti gatee nama Oromoof jecha of kennuun wareegama qaamaa qalbii qabsoon gaaffattu cufa bobaa diinaa jala taahee baasaa ture, nama sagalee isaa ol fuudhuun Oromoo kaabaa kibbaa, bahaa dhihaa fi giddu galaa walitti yaamuun “Reefrndom” jedhee lallabaa ture qabeenyaa qaalii Diyaamandii Oromooti.
Akka kanaanis, Artist fi Qabsa’aan Zarihuun bara 1991 yeroo Dargiin kufee Mootummaan Cehumsaa Itoopiyaa hunda’eetti Gullallee lafa Seenaatti Oromoo Kuma dhibbootaan bahanitti sagalee isaa olqabee nama bilisummaa fi walabummaa lallabaa turee dha.
Erga ABOn dhiibamee Mootummaa Cehumsaa keessaa ba’es, Zarihuun baroota sirna abbaa irree EPRDF guutuu dhiibbaa fi dhiittaa gabroomsaan narra godhu kamiifuu jilbiifadhee hin baqadhu jechuun bobaa sirnichaa jalatti qobsoo hadhooftuu gaggeessaa ture.
Gaafa ABO chaartarii irraa ba’u irraa jalqabee artist Ilfinesh Qannoo fi kanneen biroo woliin manneen hidhaa Amboo fi kaampii waraanaa Dhidheessaatti hidhaadhaan dararamaa turuun magaalaa Finfinnee keessaa jiraataa ture.
San boodas baandii Maccaa fi Tuulama akkasumas Baandii Gadaa keessatti hojiiwwan isaa itti fufuun walleewwan warraaqsaa gargaraatiin sabsaa dadammaqsuun tajaajila ture.
Umurii yeroo ijoollummaa irraa jalqabee bakka dhaloota isaatti yeroo adda addaa akka hidhamee fi erga magaalaa Finfinnee seenees yoo xiqqaate si’a jahaa ol akka hidhamee ture dha maatii fi jaallan isaa kan ibsan.
Zarihuun jalqaba bara 1990 otaa keessa qabsooftuu haadha warraa isaa qabsooftuu Olaantuu Gammachuu waliin wal fuudhuun ijoollee sadii waliin horatan; abbaa Dubara lamaa fi dhiira tokko ti.
Jireenya isaa guutuu Qabsoo Bilisummaa Oromoo qooda ifaa fi mul’ataa kennaa kan ture Artisti Zarihuun Wadaajoo, dhibee irra bubbuleen miidhamee, wal’aansaaf biyya Hindii dhaqee osoo wal’aanamaa jiruu, dhibee yeroo dheeraaf isa hube irraa dandamachuu dadhabuun Ebla 22, 2023 du’aan addunyaa irraa boqate.
Addi Bilisummaa Oromoo maatii isaaf, firoottan isaaf, wahilan isaa fi akkusumaa Qabsaawota Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo bal’aaf jajjabina hawwa.
Injifatnoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 23, 2023
Finfinnee

