Koreen Qindeessituu Mootummaa Ceehumsaa Biyyalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN marsaa 8ffaaf mana murtiitti dhiyaatan.
(SQ-Waxabajjii 2,2022)
Koreen Qindeessituu Mootummaa Ceehumsaa Biyyalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN Caamsaa 24/2022 marsaa 7ffaaf Mana murtii walii gala Oromiyaatti dhiyaatanis beellama biroo waxabajjii 2,2022tti bulfachuun isaa kan yaadatamudha.
Haaluma kanaan guyyaa har’aa jechuun Waxabajjii 2,2022 himatamtoonni beellama isaanii kabajuun marsaa 8ffaaf mana murtii walii gala Oromiyaatti dhiyaatanis, himata irratti baname abukaattoon hidhamtootaa waan mormeef jecha, manni murtii yaada Abukaattoon hidhamtoota kaase irratti qorannoo geggeessina jechuun beellama biroo Waxabajjii 16,2022tti dabarsuun hidhamtoonni mana hidhaa daalattiitti deebifamuu odeeffateera.
Koreen Qindeessituu Mootummaa Ceehumsaa Biyyalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN Mana hidhaa Daalattii keessatti argaman kunneenis.
Qaasiim Abdulaahii Abbaa Waarii
Seefuu (J Gabbisaa Lammii Fayyisaa) Abbaa Tamaam
Mahaammad Waadoo
Lammii Tasfaayee Baraartii
Kaliifaa (Gammachiis) Abdulfattaa Abduraahim
Mahammad Isaa Yeesuuf
Toofiiq Amaan Roobaa
Adiinaan Yoolsuuf Abdoo
Najaash Mahammad Amiin
Usmaan Adaam Ahimad
Daraaraa(Tarreekumaa Asaffaa Baacaa)
Callaa Usmaa’eel
Mahaammad Ahimad Mahaammad
Dachaasaa Wiirtuu
Kadiir Sayiid Jiiloo kanneen jedhaman oggaa ta’an Gaazzexeessitoonni ONN Galmee kana jalatti himataman ammoo
Dassuu Duulaa fi
Biqilaa Amanuu Abbaa shoomaa ti.