Buraayyuu keessatti dararaan Waraana Mootummaa Bilxiginnaatiin ilmaan Oromoo irratti raawwatu jabaatee itti fufe.
(SQ-Waxabajjii 2,2022)
Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu Ganda Malkaa Gafarsaa naannoo Filii-Dooro jedhamu fi guutuu bulchiisaa magaalicha keessatti dararaan waraana Bilxiginnaattin ilmaan Oromoo irra geessifama jiru jabaatee itti fufuu maddeen SQtti himan.
Akka maddi keenya nuuf eeretti, inumaayyuu waraqaan Eenyummaa fi loqodi ittiin haasofnu Lixa Oromiyaa ykn Wallaggaadha taanaan, gaaffii tokko malee miliishaa fi humna addaa Oromiyaatin reebamaa, mana hidhaatti guuramaa jirra jedhu. Kana malees mana hidhaa keessatti isin seelii Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun, cuubeedhaan rifeensa nurraa aadaa jiru jechuun miira Aariin dubbatu.
Magaalaa Buraayyuu keessatti, tiknii fi Waraanni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo ukkaamsuun bakka isaan geessan dhabsiisuun, guyyaarraa guyyaatti dabalaa jiraachuus odeeffanneerra.