Jaal Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Media Hawaasa fayyadama akka hin jire beeksisan.
(SQ-Waxabajjii 7/2022)
Erga Jaal Koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaa irraa ba’ee as maqaa isaatiin facebook/media hawaasaa irratti dhimma ba’aa jiraachuun mumul’ataa jira. Facebookiin/median hawaasaa maqaa Jaal Gammachuu dhahatee deemu kan isaa akka hin taane mirkanaa’eera.
Qaamotni maqaa Jaal Gammachuun accountii kana bananis ta’e jedhanii kan godhanii fi waan akeekkatan akka qaban wal nama hin gaafachiisu.
Kanuma irratti hundaa’uudhaan Jaal Koloneel Gammachuu Ayyaanaa beeksisa kana dhaabaaf barreessuun ummatni akka hubatu taasisee jira.
Adda Bilisummaa Oromoof
Finfinnee
Gammachuu Ayyaanaa irraa
Dhimma: Dhaabni kiyya ABO akka ummata Oromoo naa beeksisu gaafachuu ta’a
Ani qondaala ABO kanan ta’e Gammachuu Ayyaanaa Roorroo, miseensa ABO ta’ee maqaa kiyyaanis ta’e maqaa biraan miidiyaa hawaasaatti akka dhimma ba’aa hin jirre dhaabni kiyya ABOn akka beeku beeksisuun barbaada.
Ergiin mana hidhaa ba’es ta’e sana dura miidiyaa hawaasaa gargaaramaa akkan hin turre, ammas ergiin ba’ee booda maqaa kiyyaa fi suuraa kiyyaa gargaaramuun dirree miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaaleen adda addaa dhoobamaa jiraachuu namoota adda addaa irraa dhaga’aan jira. Anis kana bu’uura godhee dhaabni kiyya ummata bal’aaf akka naa beeksisu kabajaan nan gaafadha.
Kanaafuu ani yeroo itti aanutti miidiyaa hawaasaa kanan qabaadhu yoo ta’e jaarmiyaa kiyyaa fi ummata koof karaa jaarmiyaa kiyyaa kanan beeksisuuf ta’a.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gammachuu Ayyaanaa