Waraanni fi Tikni Bilxiginnaa Miseensoota ABO hidhu itti fufan.
(SQ-Waxabajjii 12,2022)
Hoggantoota fi qondaloota ABO hidhun dararaa kan jiru mootummaan paartii Bilxiginnaa ammas miseensoota ABO adamsee hidhuu jabeesse itti fufee jira.
Haaluma kanaan Waxabajjii 12,2022 Magaalaa Holotaa keessa Miseensi ABO jaal Daawit Gaddafaa humnoota tikafi poolisii Bilxiginnaan qabamu maddeen SQ nuuf himan.
Daawit Gaddafaa hanga oduu kana qindeessinetti bakki inni itti geeffamees hin beekamu jedhu.