Baga Hundeeffama Sagalee Bilisummaa Oromoo waggaa 34ffaa geessan.
Deemsa Seenaa Sagalee Bilisummaa Oromoo.
(SQ – Waxabajjii 14,2022)
Seenaa Qabsoo Oromoo keessatti , SBOn bakka ol aanaa qabaachuu isaa kan haalu yoo jiraate, diina kufaatii Ummata Oromoo hawwu qofaa dha. Seenaan yoom illee seenaa dha. Seenaa kana keessatti, warri seenaa hojjatan, seenaa ummata sanaa keessatti, bara baraaf yaadatamaa fi waamamaa jiraatu. Seenaa Qabsoo Ummata Oromoo keessatti SBOn, Sagalee Ummata Oromoo ta’ee mirgaa fi haqa Ummati Oromoo Biyya abbaa isaa irratti qabaachuu qabu ummaticha barsiisuu irra taree, sirnoonni dhufaa dabran miidhaa ummata Oromoo irraan ga’an, Addunyaan akka hubattu taasisuu keessatti qooda ol aanaa gumaachuu ragaa tarrisuun hin barbaachisu.
Seenaa Qabsoo Ummata Oromoo keessatti, Miidiyaalee walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoo irratti dubbachuu eegalan keessaa “Sagaleen Bilisummaa Oromoo” isa angafaa ta’uu seenaan ragaa ba’a. Seenaa Qabsoo Oromoo keessatti, Qabsoon Ilmaan Oromoo bifa gara garaan/faffaca’aan gaggeeffamaa ture, bifa gurmaa’inaan akka gaggeeffamu taasisuuf ABOn ijaaramuun haqa. ABOn, Mirga Ummata Oromoo kabachiisuuf, Biyya Oromoon bortaan sarbame deebisuuf, akkuma ummatoota addunyaa Oromoofis Bilisummaan ni barbaachisa jechuun falmaa hadhaawaa kan gama hundaa geggeesseen wareegama ulfaataa kafaleera. Ummata Oromoo sochii Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti hirmaachiisuuf, waggaa 34n har’aa Bara 1988 Waxabajjii 15tti Sagalee Bilisummaa Oromoo gadi dhaabee, KUN SAGALEE BILISUMMAA OROMOO TI jechuun labse.
Sagaleen Bilisummaa Oromoo waggoota 34n dabran keessatti maalfaa hojjate ? jennee akka ragaatti waan hojjate dhiheessuun yeroo qisaasuu qofa ta’a. Garuu Hojiilee seenaan hin daganne SBOn hojjeteef raga gabaabaa kaa’uun ni danda’ama. Ummatichi Qabsoo Sabichaa keessatti qooda inni gumaachaa turee fi jiru ilaaluun ga’aa dha. Sagaleen Bilisummaa Oromoo bara mootummaa abbaa irree Dargii wayita eegalu, Ummati Oromoo mana mana isaatti dhoksaan dhaggeeffachaa turuun dhokataa miti.
Qabsoon Ummata Oromoo sirnoota hundaaf yaaddoo akkuma ta’e, SBOnis, mootootii Itoophiyaa hundaaf yaaddoo dha. Yaaddoo waan ta’eefis, ummatichi akka hin dhaggeffanneef jedhamee bara mootummaa EPRDF Doolaara miliyoonaan lakkaa’amu dhangalaasuun, teekinolojii hammayyaan SBO ukkaamsaa akka turan yaadannoo kaleessaa ti. Kunis hojii SBOf ragaa guddaa dha.
Adeemsa Sagalee Bilisummaa Oromoo waggaa 34 keessatti, bu’aa ba’ii keessa dabrame himanii fixuun hin danda’amu. Sagaleen Bilisummaa Oromoo Gootoonni Oromoo maqaa tarrifnee dubbachuu dandeenyu, wareegama qaamaa, qalbii fi jireenyaa itti kafalaniin har’a ga’eera.
Kaayyoo SBOn kaleessa itti banameef inni duraa Ummata dammaqisuu dha. Adeemsa isaa waggaa 34 kana keessatti gama Ummata barsiisuun, haalaan itti milkaa’uu isaaf, ragaalee hedduu kaasuu dandeenya. Dhaloota kaleessa qabsoo Oromoo hundeessee fi dhaloota har’aa qabsoo abbootii isaa finiinsuuf of laate uumu keessatti, SBOn qooda ol aanaa gumaachee jira. Addi Bilisummaa Oromoo humnaan ega chaartara keessaa ba’een booda, Ummati Oromoo abdii osoo hin kutanne, qabsoo isaa akka itti fufu taasisuu keessatti SBOn gumaacha olaanaa qaba. Kanaaf, waggoota 27 bara bittaa EPRDF keessa qooda miidiyaan kun kenne haalaan guddaa ture.
Sagaleen Bilisummaa Oromoo, Sagalee Ummata Oromoo ta’uu isaaf ragaa qabatamaan hojjetee seenaa of harkaa qaba. Galiin SBO, Bilisummaa Ummata Oromoo labsuu ta’e, har’a illee adeemsa irra jira. Sagaleen Bilisummaa Oromoo rakkoo fi danqaaleen adda addaa isa mudataa turanis, har’as isa mudataa jiraatanis, shiroota diinaa kumaantama isa quunnaman irra aanaa kaayyoo dhaabbateef galmaan ga’uuf, Ilmaan Oromoo muratoo ta’aniin tamsaasa isaa ittuma fufee jira.
Isa dhugaa dubbachuuf, SBOn adeemsa isaa waggaa 34 kana keessatti bu’aa ba’iin keessa dabre, salphaa miti. Sagalee Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf shiroonni gaggeeffaman akkuma olitti tuqame lakkoofsa hin qaban. Adda durummaan, sirnoonni Itoophiyaa SBO dhabamsiisuuf shirri gaggeessan haalaan jabaa dha.
Mootummaan EPRDF Wayyaaneen hogganamaa ture
absoo Ummata Oromoo bara baraaf dhabamsiisuuf, humnaanis ta’u hojiilee Dippilomaasiin, tattaaffii kana hin jedhamne taasise. Qabsoo sabichaa Galmee seenaa qabsoo sabootaa Addunyaa keessaa haqsiisee, kan “Gooleessitootaa” keessa galchuuf, Doolaaraa Biliyoonaan dhangalaasaa ture. Akkasuma SBO ukkaamsuuf mootummaa Chaayinaa irraa Doolaara Miliyoona 100 oliin, taakinolojii haaraa Biyya galchuunis beekamaa ture. Kana malees, Biyyoonni ollaas ta’ee, kanneen fagoo SBOf akka bakka hin laanne taasisuuf hojiileen Dippilomaasii hojjataman hedduu dha. Kunii fi kanneen maqaan hin dhahamin hedduun gufuulee/danqaalee SBO mudatanii fi SBOnis keessa hulluuqaa har’a ga’ee dha.
Sagaleen Bilisummaa Oromoo waggaa 34 booda maaliif hin babal’anne? Humna ga’aa maaf dhabe? Maaliif hin fooyyofne ? Har’a akka silaa barbaachisuu fi bakka isaaf malutti maaf hin argamne kan jedhu gaaffileen ka’uu ni malan. Gaaffiilee kana qaamni haalu hin jiru.
Dhaabni Qabsoo sabichaa hundeesse ABOn, bakka amma SBOn irra jiruu fi humni hojicha geggeessu ga’aa dha jedhee hin fudhatu. Waan Qabsoon Oromoo keessa dabarte akka gaaritti yoo gilgaalame isa kanaafis deebii quubsaa argachuu danda’a.
Seenaan seenaa dha. Namni seenaatti amanu hanga jirutti, seenaan inuma itti fufa. Seenaan SBO waggaa 34f waliitti aansee gaggeeffamaa jiru amma illee itti fufa. Qoodi miidiyaa Qabsoo Addunyaa keessatti argamaa fi dhaga’amaa turee fi jiru, kan Oromoo irra ga’ee hin dhaabbatu. Yoo xiqqaate SBOn Sagalee Ummata Oromoo ta’uu irra ga’uun isaa, hegaree Oromoof hundee ta’uu isaa mirkaneessa. Sagaleen Bilisummaa Oromoo, Kun SAGALEE BILISUMMAA OROMOO TI jedhu hanga Bilisummaa mirkanoofte labsutti deemsa isaa itti fufa.
Irra deebi’uudhaan, Baga Hundeeffama SBO Waggaa 34ffaa Waxabajjii 15,2022n Isin Gahe!