Hoogganaan Tigraay marii ifaa Keeniyaatti gaggeeffamuuf qophii ta’uu ibsan

Hoogganaan Tigraay marii ifaa Keeniyaatti gaggeeffamuuf qophii ta’uu ibsan

(SQ-Waxabajjii 15,2022)

Dursaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’eel(PhD) mootummaan isaanii marii ifaa mootummaan Keeniyaa eegaleef bakka buutota isaa erguuf qophii ta’uu xalayaa banaa dhaabbilee idila addunyaaf erganiin beeksisan.

Dabratsiyoon kana kan dubbatan mariin dhoksaan mootummaa Itoophiyaa fi hooggantoota Tigraay gidduutti Aruushaa, Taanzaaniyaatti adeemaa jira gabaasni jedhu yeroo dhagahamettidha.

Hoogganaan Tigraay Dabrastiyoon ”qajeeltoowwan keenya faayidaaf booddeetti jennee dhoksaan waliigaltee raawwachuuf qophii miti” jedhan.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi kibxata gaaffilee miseensota Paarlaamaarraa dhiyaateef deebii yoo kennan ”dhoksinee mariin gaggeessine tasayyuu hin jiraatu,” jedhan.

”Dhimma marii nagaa ilaalchisee koreen dhimma kana hordofu hundaa’ee waan jiruuf wayita koreen waan irra ga’e dhiyeessu uummataaf ibsina.”

Xalayaan Banaa hoogganaan Tigraay barreessan Barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaa, Gamtaa Afrikaa, miseensota Mana Maree Nageenyaa, ergamoota addaa Gaanfaa Afrikaa fi Amerikaa ni eera.

Guyyoota dura barruun Firaans LeMonde jedhamu hoogganootni Tigraayifi mootummaa Federaalaa Aruushaatti mariyachuuf akka jiraniifi hooggantootni Tigraay gaaffii Lixa Tigraay irraa qaban kaasuu hoogganaa Finfinnee jirurraa dhagahuu gabaasee ture.

Maddi BBC

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *