Ajjechaan Jumlaa Guyyaa Saafaadhaan Lammiilee Oromoo Irratti Xiygeeffatee Humnoorq Mootummaatin Raawwatamaa Jiru Rakkoo Oromiyaa Fi Guutummaa Biyyattii keessaa Daranuu Hammeessa.
Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo –Waxabajjii 18, 2022
Mootummaan Murna Bilxiginnaa wayta lola Kaaba biyyattiitti gaggeessaa ture dhaabuun araaratti fuuleffatuu himaa jiru kanatti, Oromiyaa fi Ummata Oromoorratti ifatti duula lolaa dhuma hin qabne labsuudhaan ajjechaa suukanneessaa dhaqqabsiisaa jira. Humnootni waraanaa fi tikaa sirnichaa akkasumas hidhattoonni Faannoo fi milishaan Naannoo Amaaraa lammiilee Oromoo meesha-maleeyyii irratti fuuleffatuun bakka hedduutti ajjechaa jumulaa lammiilee irratti raawwataa jiraachuu kan Gaambeellaatti mul’ate ragaa dha. Kanatti dabalee humnootni Mootummaan bobbaafaman kunneen lola Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota hidhannoon sirnicha dura dhaabbatan kanneen biroo waliin gaggeessaniin ummata siviilii irratti haloo bahuuf wayta guyyaa saafaan lammiilee Oromoo sanyummaan adda fo’anii rashanan, qabeenya isaanii ibiddaan gubanii fi saaman addunyaan argaa jira.
Lola Waraanni Bilisummaa Oromoo fi qabsaawotni Gaambeellaa waloon waraana mootummaa irratti gaggeessan jedhameen booda, humnootni mootummaa Waxabajjii 6, 2014 (Waxabajjii 13, 2022) bulchiinsa mootummaa Naannoo Gaambeellaatti humnootni hidhattootaa naannoo Gaambeellaa duula sanyummaan adda fooyanii Oromoota irratti xiyyeeffatuudhaan bananiin lammiilee Oromoo hedduu ajjeesanii jiru. Humnootni mootummaadhaan bobbaafaman dargaggoota Oromoo guyyaa saafaadhaan rasaasaan reebaanii wayta ajjeesan viidiyoon tibbana bahe ifatti agarsiisa. Akkasuma Kaaba Oromiyaa naannoo Harxummaa Furseetti hidhattoonni Faannoo mootummaa Naannoo Amaaraatin deeggaraman lammiilee Oromoo konkolaataarraa buusanii wayta rasaasa itti roobsuun jumlaan fixan agarsiifmaa ture walin wal fakkaata.
Addi Bilisummaa Oromoo dhumaatii suukaneessaa naannoo Gaambeellaa fi Oromiyaa bakkoota hedduutti bifa ifaa fi dhoksaa taheen ilmaan Oromoorratti raawwatamu kana gadi jabeessee balaaleffata.
Dhumaatiin suukaneessaan bifuma walfakkaataan Kaaba Oromiyaa Walloo-Harxummaa Furseetti, Dhiha Oromiyaa Horroo Guduruu Wallaggaatti fi Kibba Oromiyaa Gujiitti dhaqqabe dabalatee Oromiyaa bakkoota hedduutti humnootuma mootummaa kan nageenya lammiileef wabii tahuun irraa eegamuun irra deddeebiin raawwatamaa jira.
Duula murna Bilxiginnaatiin ifatti Oromoorratti labsameen dhumaatii suukaneessaan geessifamaa jiru kun rakkoolee walxaxoo Oromiyaa keessaa fi guutuu Itoophiyaa keessaa daranuu hammeessuun gaaga’ama caalutti oofa malee furmaata hin tahu.
Dhumaatii suukaneessaa biyyattii bakkoota hedduutti keessumaa Ummata Oromoorratti xiyyeeffatee humnoota mootummaan bobbaaseen raawwatamaa jiru kanaaf deebisaan gama mootummaatii laatamu ammoo sirnichi lubbuu lammiileef kabajaa fi naasuu tokkollee akka hin qabne kan ifatti agarsiisee dha.
Dhumaatii suukaneessaa sabummaa bu’uura godhachuun ummata Oromoorra geessifamaa jiruuf kan itti gaafatamu mootummaa Itoophiyaa aangoo harkaa qabu tahuu ABOn ammallee hubachiisuu fedha.
Waan taheef,
1. Ajjeechaan jumlaa guyyaa saafaadhaan sabummaa bu’uureffachuun lammiilee Oromoorratti gaggeeffamaa jiru daddaffiin akka dhaabatu gaafataa, yakki raawwatame qaama walabaan akka qoratamu gaafanna.
2. Yakkamtoonni duguuggii sanyii, barbadaa’insaa fi saamicha qabeenya ummataa fi kan lammiilee irratti raawwataa fi raawwachiisaa jiran hundi adda bahanii fuula seeraatti akka dhiyaatan lammiileen akka irratti hojjatan,
3. Humnootni waraanaa fi tikaa biyyattii hundi heeraa fi seera addunyaa kabajuudhaan paartii aangoorra jiruuf ergamuu dhiisanii, aantummaa isaanii ummataaf taasisuun yakka suukaneessaa raawwataa jiran irraa akka dhaabbatan ammas irra deebiin yaadachiifna.
4. Jeequmsa biyyattii addattis Oromiyaa keessatti bal’inaan deemaa jiru kanaaf furmaanni mootummaan lola dhaabuu labsuun, Komand Post kaasuu akka qabu lammiileen akka dhiibbaa irratti godhan wamicha goona.
5. Hawaasni addunyaa duguuggii sanyii ijaa-gurra addunyaarraa dhokfamee mootummaa Itoophiyaatiin Ummata
fi Oromiyaa irratti fuula deeffachuun gaggeeffamaa jiru kana daddaffiin dhaabsisuun gaaga’ama caalu hambisuuf tarkaanfii qabatamaa akka fudhatan ABOn jabeessee gaafata.
ABOn ajjechaa humnoota mootummaatiin raawwatame kanaaf miidhaa dhaqqabeef gadda itti dhagahame ibsataa, firaa fi maatii warreen ajjeefamaniif jajjabina hawwa.
Maayiirrattis, ummanni Oromoo dhumaatii suukaneessaa kallattii adda addaatiin itti aggaamamee deemaa jiru ofirraa qolachuuf wabii nageenya isaanii kan tahe Mootummaa Cehumsa Biyyaalessaa Nannoo Oromiyaa cimsachuun akka bifa feesisu hundaan of tiksan ABOn hiree kanaan dhaamsa dabarsa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 18, 2022
Finfinnee, Oromiyaa