Wallaggaa Lixaa Qondaalaatti Waraanni Bilxiginnaa Guyyaa Sadii Gidduutti Namoota Nagaa 80 ol ajjeessun dhaga’ame.
(SQ – Adoleessa 03,2022)
Torban tokkoo as erga duulli bifa haaraan maqaa “Shanee isa dhumaaf dhabamsiisna” jedhuun mootummaa Bilxiginnaan labsamee as waraanni sirnichaa guyyuu gara Lixa Wallaggaatti guuramaa jiru lakkoobsi isaa haalaan guddaa ta’uun ifatti mul’ataa kan jiru yoo ta’u, waraanni kun lammiilee nagaa Shanee deggertu ittiin jechuun qe’ee isaa gubbaatti jumlaan fixaa fi kaan qabee bakka hin beekamnetti geessaa jira.
Odeessi Wallagga Lixaa Ona Qondaalaa irraa ba’aa jiru haalaan suukanneessaa dha. Dhuma ji’a Waxabajjii irraa qabee hanga Adoolessa 01,2022 gidduutti namootni nagaan 80 ol ta’an haala suukanneessaan akka ajjeesaman oduun achii ba’u ifa godha.
Gandoota Ona Qondaalaa jala jiran kanneen akka Kollee Carbee, Kollii Seedee faa keessatti ajjechaan jumlaa waraana mootummaan lammiilee Oromoo irratti raawwatamaa jiraachuun hubatameera. Gandi tokko nagaa qabu hin jiru; waraanni Bilxiginnaa jaarsa jaartii, ga’eessa, nama guddaa fi ijoollee osoo hin jedhin maqaa Shanee deggertu jedhuun yakka ulfaataa irratti raawwataa jira jedha odeessi arganne.
Gandoota Kollee Carbee fi Kollii Seedee keessaa ajjeesaman ammaaf maqaa arganne:
1) B/saa Ittifaa Muhaammad
2) Abdii Shibbiree
3) Malaakuu Gomooraa
4) Abbaa Gadaa Muusaa Waltajjii
5) Ashabbir Liqixii
6) Shaakarruu Jamaaloo
7) Raamatallaa Baataa
8) Maammee Eliyaas
9) Waaqtolaa Ijaabuu
10) Raamatallaa Nagaasaa kanneen jedhaman warra ammaaf maqaan isaanii adda ba’ee argamanii dha.
Yakki waraanaa naannoo kanatti raawwataa jiru daran hammaataa dha; odeessi jiru guutuutti ba’ee akka ummata bira hin geenyeef Networkiin bal’eeffameera; akka garaatti hin hojjetu, ummatni nagaan haala gaddisiisaa keessatti argama; waraanni itti duulchisame kun gara laafina tokkollee hin qabuuf; itti dhukaasee ajjeesuu fi guuree bakka hin beekamnetti fudhatuu dha jedha odeessi arganne.
Ollaa Ona Qondaalaa kan taate Ona Begii keessattis miidhaa fakkaataan ummata irra ga’aa jiraachuu kan ibsan maddeen naannoo sanii, waraanni mootummaa ummata nagaa irratti haaloo ba’ataa jira jedhan.
Miidhaan waraanni mootummaa Bilxiginnaa Lixa Wallaggaa Ona Qondaalaa keessatti raawwataa jiru baay’ee suukanneessaa dha kan jedhan maddeen, yakkii raawwatamaa jiruu fi miidhaan ummata irra ga’aa jiru kun dhageettii miidiyaa dhabee jira jedhu.
Kana waan ta’eef, ummatni keenya alaa fi keessaa kana hubatuun akka sagalee nuu ta’u, yakka kana qaamota mirga dhala namaaf falmanitti akka nuu iyyatu dhaammanna jechuun ummatni godinichaa dhaamsa isaa dabarsee jira.