Dhaabbanni Dhiyeessii Boba’aa Itiyoophiyaa bara 2015 tti boba’aa bituuf doolara biliyeena 5.6 na barbaachisa jedhe.
(SQ-Adoolessa 7,2022)
Hangi maallaqaa guddaan akkasii seenaa Itoophiyaa keessatti dhagahamee kan hin beekamne yoo ta’u, gatiin markabaa fi boba’aa ol ka’uun sababa ijoodha jedhama.
Boba’aan erga bitameen booda gatii ittiin bitame sana walakkaan hir’ifamee tumsi (subsidy) godhamee gurguramuu qaba. Tumsa kanaaf ammoo ji’aan biyyattii giddu galeessan birrii biliyeena 10 ishee barbaachisa.
Aangawaan boba’aa fi anniisaa tokko Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti tumsa kanaaf Itiyoophiyaan kuufama idaa birrii biiliyeena 132 keessa seentee jirti.
Waktii weerarri koovid hammaatee turetti gatiin boba’aa addunyaa irratti yerodhaaf gadi kufee turus waraana Yukreeni fi Raashiyee hordofee gatiin boba’aa addunyaa irratti akka malee dabalee jira.
Waraanichi erga ka’een booda gatiin boba’aa barmeela tokkotti doolara 140 yeroo itti gale jira.
Gatiin kun biyyoota dureeyyii osoo hin hafin humna isaanii qoree jira. Biyya akka Itoophiyaa balbala galaanaa hin qabnee fi nageenyi irraa fagaatef ammoo gatiin boba’aa dabaluun maal akka ta’e ibsuun hin barbaachisa.
Kuweetitti hayyuu fi qorataa diinagdee kan ta’an Obbo Ayalaa Galaan, “Gatiin boba’aa Itoophiyaa keessa jiru kan biyyoota boba’aa omishanii tokko tokkoon yoo wal bira qabamau rakasa,” jechuun ibsu.
Obbo Ayyalaan akka jedhanitti, hangi tumsaa biyyattiin baastu guddaa ta’us yeroo kanatti tumsa kana addaan kutuun sirrii miti. “Tumsa boba’aa addaan kutuun mana gubataa jiru irratti boba’aa firfirsuudha” jechuun karoora mootummaan baase mormu.