TPLF Garee Mootummaa Itoophiya waliin Mari’atu ijaaruu beeksise.

TPLF Garee Mootummaa Itoophiya waliin Mari’atu ijaaruu beeksise.

(SQ-Adoolessa 19,2022)

Waraanni ka’ee ji’oota 20 booda humnoonni Tigraay marii mootummaa Itoophiyaa wajjiin godhamuuf garee ijaaruu isaanii Dubbi Himaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) Obboo Geetachoo Raddaa madda oduu AFP’tti himan.

“Jila gara Keeniyaa erguuf qophii ta’u eerun; garee miseensota ol-aanaa ta’an irraa ijaarreerra,” ka jedhan Obboo Getaachoon, marii Gamtaa Afrikaatiin hogganamu qofa fudhachuuf akka karoorra in qabnellee irra deebiโ€™anii ibsaniiru.

Mootumman Itoophiyaa mariin godhamu hoogansummaa Gamtaa Afrikaatiin akka ta’u ifa godhuu fi hoggantoonni TPLF garuu gamtichaa irraa amantii akka in qabne beeksisuun in yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *