Jaarmiyaan Mirga Namoomaaf Falmu Amanistii Internaashinaal Ajjeechaa Wallagga Lixaa Toleetti Raawwatame irratti Qorannoon Walabaa Akka Taasifamu Gaafate.
(SQ-Adoolessa 21,2022)
Jaarmiyichi kana kan jedhe ibsa har’a Adooleessa 21 bara 2022 baaseen yemmuu ta’u ajjeechaa Waxabajjii 18 bara 2022 raawwate kanaan namoonni nagaa hedduun ajjeefamuu, madaa’uu fi qabeenyi barbaadaa’uu dubbate.
Mootummaan ajjeechaa kana Waraana Bilisummaa Oromootu raawwate jedhe.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin ajjeechaa kana kan raawwate loltoota mootummaa fi garee Gaachana Sirnaa jedhamuun ijaarameedha jechuun qaamni walabaa seenee akka qoratu waamichaa taasisee ture.
Miseensi mana marii bakka bu’ootaa Itoophiyaa fi miseensi paartii biltsiginnaa obbo Hangaasaa Ibraahim ajjeechaa kana humnoota mootummaan WBO fakkeessee bobbaasetu raawwatee jechuun isaanii ni yaadatama.
Amnastii Intarnaashinaaliitti Daayirektara Bahaa fi Kibba Afrikaa kan ta’an Diproos Muchenan, ajjeechaan gara jabinaa lubbuu ijoollee fi dubartootaa galaafate kun qorannoo walabaatiin qulqullaa’ee itti gaafatamummaan jiraachuu qaba jedhaniiru