Mootummaan Bilxiginnaa fi Activistoonni Amaaraa haleellaa Alshabaab dhihoo Itoophiyaatti fudhateen walqabsiisuun Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Al-Shabaab akka waan quunnamtii qabaniitti fakkeessuun ololaa guddaa geeggeessaa jiru.

Mootummaan Bilxiginnaa fi Activistoonni Amaaraa haleellaa Alshabaab dhihoo Itoophiyaatti fudhateen walqabsiisuun Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Al-Shabaab akka waan quunnamtii qabaniitti fakkeessuun ololaa guddaa geeggeessaa jiru.

(SQ-Adoolessa 26,2022)

Mootummaan Bilxiginnaa yeroo garaa garaatti shira hedduu xaxuudhaan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf hojjechaa turuu fi haga har’aattillee hojjechaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamudha.

Haaluma kanaan haleellaa tibba kana AlShabaab daangaa Itoophiyaa seenuun Naannoo Somaalee bakka Afdeeraa jedhamutti Waraana Bilxiginnaa irratti fudhateen Gama laman irra miidhaa gurguddaan ga’uu miidiyaaleen biyya keessaa fi alaa wal harkaa fudhun gabaasa jiru.

Akka SQ maddeen irraa odeeffateetti Sababii lola kana Hooggonaan Alshabaab Mohaammad Umar kan jedhamu miseensota 17 waliin osoo Itoophiyaa seenuun maandhee ijaarrachuuf deemuu Naannoo Somaalee bakka Atoo jedhamutti miseensoota isaa waliin ajjeefamuu hordofeeti jedhu .

Wayita ammaas Alshabaab haaloo baafannaadhaaf kallattii Baalee fi Jibuutii irraan gara biyyaatti seenuuf yaalaa jiraachuun mootummaa Bilxiginnaaf yaaddoo guddaadha. Inumaayyuu lolli kun lola Walitti fufiinsaan geggeeffamu ta’u akka malus hayyoonni hedduun xinxalaa jiru.

Mootummaan Bilxiginnaas Lola Alshabaab waliin geggeessaa jiru hordofee Alshabab keessattin Miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo qabadhe jechuun diraamaa sobaa hojjechaa jiraachuu maddeen SQ,tti himan.

Shira mootummaan Bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf hojjechaa jiru irratti, ajajaan humna adda Sumaalee Jeneral Mohaammad Abdii kan jedhamu Pirezdaant Naannoo Somaalee duranii Abdii Illeetiif amanama kan ta’e Jeneral Mahaammad Adda durummaan hojjechaa jiraachuu keessa beektonni nuuf himanii jiru.

Jeneral Mahaammaad Pirezdaant Naannoo Somaalee duranii Abdii Illee waliin ta’uun uummataa Oromoo Bahaa Oromiyaa kumaa dhibbaan lakkaawwaman ajjeesuufi qe’ee irra buqqisaa kan ture yoo ta’u, Yeroof Aangoo irra bu’us yeroo amma kana ajajaa humna adda Somaalee ta’e angoo isaatti deebi’ee jira. Jeneral Muhaammad nama jibba guddaa Sabaa Oromoof qabu yoo ta’u sababa haleellaa Alshabaab kanaan shira guddaa qopheessuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf Alshabaabiif WBO’n akka hidhata qabanitti afarsiisaa jiru.

Miseensa Alshabaab booji’ametu Afaan Oromoo malee afaan sumaalee hin beeku jechuun kallaattiin Alshabaab Keessatti miseensa Waraana bilisummaa Oromoo qabanne jechuun miidiyaaleen Bilxiginnaa fi Activistoonni Amaaraa wal harka fudhanii afarsun maqaa WBO guraacheessuuf hojjechaa jiru.

Kan lolaan dadhabe Ololaan cabsuuf kan dhama’u mootummaan Bilxiginnaa yeroo garaa garaatti Lixa Oromiyaa,tti uummata nagaa jumlaan rashanuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf yaalaa turuun kan yaadatamudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *