Shawaa Lixaatti Waraanni Bilxiginnaa abbaa ijoollee lamaa ajjeese.
(SQ-Adooleessa 22,2022)
waraanni faashistii Bilxiginnaa Adoolessa 20/2022 Abbaa ijoollee 2 kan ta’e nama maqaan isaa Gammachuu Asaffaa Fakkansaa jedhamu Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaa’ee Ganda Gimbii Biilaa irraa ka’uun Aanaa Ammayyaa ganda Dalleekaditti, kan argamtu Gabaa Gaalloo jedhamuu korma bitatee osoo gala jiruu badii tokko malee rasaasaa itti roobsuun ajjeesan jedhu maddeen.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Obbo Gammachuun nama siyaasa keessaa qooda hin qabne fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabu yoo ta’u hojii konkolaachisummaa hojjechuun maatii isaa jiraachisa ture jedhu.
Mootummaan Bilxiginnaa duula duguuggaa sanyii Saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru kan durii caalaa jabeessee itti fufeera.