Gocha Gara Jabinaan Yuunvarsiitii Boongaa Keessatti Barattoota Oromoo Irratti Raawwatamaa Jiru gadi Jabeessinee Balaaleffatna.

Gocha Gara Jabinaan Yuunvarsiitii Boongaa Keessatti Barattoota Oromoo Irratti Raawwatamaa Jiru gadi Jabeessinee Balaaleffatna.

Ibsa ABO–Hagayya 01, 2022

Tibba kana akka odeessii Deddeebisee argannetti Yuunvarsiitii Boongaatti barataa waggaa 1ffaa Muummee Saayinsii Uumamaa “Natural Sience” kan ta’e barataa Darajjee Maammoo jedhamu, dhalootaan Godina Iluu Abbaa Booraa Ona Bachoo ta’e fannifamee ajjeesamuun reeffi isaa argamee jira. Ajjeefamuu barataa kanaa hordofee, barattootni Oromoo Yuunvarsiitii Boongaa barataan kun akkamitti ajjeesame kan jedhuun walqabsiisanii gaaffii mirga gaafatanii jiran. Osoo barataa Darajjeen hin ajjeesaminiin dura, akka hubatametti, sodaachisii fi rakkoon nageenyaa barattoota Oromoo irra dhaqqabaa ture.

Sababa Oromoo ta’an qofaaf miiraa fi hamilee isaanii ittiin tuquuf, nama Afaan Oromoo dubbatu arginaan ni reebu; “Isin Shanee dha.” ittiin jechuun hidhattoota mooraa Yuunvarsiitii fi hawaasa naannoo irratti kakaasuu yaaluun, dhiibbaa jabaa irraan ga’aa turan. Barataan Oromoo barnootaaf ba’e qalbii guutuudhaan barnoota isaa akka hin hordofneef dhiibbaan qor-qalbii fi doorsisa irratti deemsisamaa ture. Kun osoo kanaan jiruu barataa Darajjeen fannisamee ajjeefamuun gaaffii dabalataa fi aarii gocha gara jabinaa fi bineensummaa kana irraa maddeen barattootatti uumee jira.

Rakkoo isaan mudatee fi mudataa jiruuf, akkasumas ajjeefamuu hiriyaa isaanii fi bu’aa qorannoo isaan walqabsiisanii gaaffii mirgaa barattootni Oromoo bulchiinsa Yuunvarsiitichaaf dhiheessaniif deebii kennuu dadhabanii, faallaa isaa barattoota Oromoo 54 barnoota irraa ari’uu isaanii Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n gadi jabeessee balaaleffata.Ilmaan Oromoo waan Afaan Oromoo dubbataniif qofa mataa gadi qabachiisuuf, jecha Shanee jedhu yakka godhanii “isin Shanee dha” ittiin jechuun doorsisuu fi barnoota irraa yakka tokko malee ari’uun Yuunvarsiitii Boongaa fi Hoggansi isaa, seeraa fi seenaan kan gaafachiisu waan ta’eef, Bulchiinsi Yunversitichaa dogoggora kana shaffisaan sirreeffatuun barattootni barnoota isaaniitti akka deebi’aniif, ABOn gadi jabeessee gaafata.

Murni qawwee fi dinagdee of harkaa qabu yeroo bittaa fi umurii sirna isaa dheereffachuuf walshakkii fi waldhabbii ummatoota cunqurfamoo gidduutti uumuun dantaa siyaasaa argachuuf shira xaxu irraa dhaabbachuu qaba jenna.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n bakka hundatti lubbuu ilmaan Oromoo irratti diraamaa guyya guyyaan dalagamaa jiru cimsee balaaleffata. Addatti ajjechaan barataa Darajjee Maammoo irratti raawwatame qoratamee dhugaan jiru akka ummataaf ifa ta’u gaafataa, barattootni barnoota isaanii irraa seeraan ala ari’ataman Yuunvarsiitii Boongaa akka barnoota isaaniitti deebisu irra deebiin gadi jabeessee gaafata.

Gaaffiin barataan gaafate gaaffii mirgaa fi hamilee ta’uun beekamee, gaaffii gaafatame iftoominaan deebisuu, darbees yakka lubbuu baasuu raawwatame bifa ogummaan qoratamee barattootaaf, maatii barattootaa fi ummata bal’aaf deebii ifaan akka kennamu irra deebinee gaafachaa, kanneen yakka kana keessaa harka qabanii fi barattoota irratti doorsisa dhaqqabsiisan adda ba’anii seeraan akka gaafataman gaafanna.

Ummata Oromoof obbolaa kan ta’an hawaasni naannawa Yuunvarsiitii Boongaa fi naga jaallattootni barattoota Oromoo obboloota keessan ta’an sababa Oromoo ta’an qofaaf dhiibamuun rakkoo keessa jiran eeggannoo fi aantummaa maatii akka gootaniif kabajaan isin gaafanna.

Dhuma irratti ABOn, nageenya lammiilee Oromiyaa bakkayyuu booressuun bu’aa siyaasaaf jecha shira murni aangoo of harkaa qabu xaxu kamuu, darbees barattoota barnootaaf ba’an jala danqaalee naqamani balaa babal’isuuf deemuuf kan gaafatamaan kanneen maal na dhibeen Kana raawwatan tahuu hubachiisaa hawaasni Universitii Idil Addunyaa gochaa Bulchinsi Univerity Boongaa gara jabinaan raawwataa jiru akka sirreessuu akka hubachiisu waamicha goona.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 01, 2022
Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *