Mootummaan Bilxiginnaa Magaalaa Finfinnee keessatti dargaggoota jimaa gurguraanii jiraatan 22 hidhuun dhaga’ame.
(SQ-Hagayya 2,2022)
Mootummaan Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti badii tokko malee ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaan yakkuun hidhaa jiraachuu fi mana hidhaa keessaa baasee haala suukanneessaan ajjeesaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa kan jirrudha.
Haaluma kanaan handhuura Oromiyaa magaalaa finfinnee keessattis hidhaan ilmaan Oromoo irratti geggeeffamaa jiru jabaatee itti fufuun guyyaa kaleessaa jechuun Hagayya 1/2022 galgala Magaalaa Finfinnee naannoo Boolee Mikaayelii jedhamutti dargaggoota Oromoo jimaa gurguruun of jiraachisan 22 badii tokko malee poolisii magaalattiitiin hidhamuu maddeen Gadaa Media Network nuuf himan.
Dargaggoonni mootummaa Bilxiginnaatiin hidhaman kunneen namoota siyaasa keessaa qooda hin qabne yoo ta’an, maqaan isaanii ammaaf kan adda hin baane ta’u odeeffanneerra.
Mootummaan Bilxiginnaa magaala Buraayyuu fi naannawaa magaalaa finfinnee garaa garaa keessattis ilmaan Oromoo keessattuu, namoota lixa Oromiyaa irraa dhufan hunda miseensa Waraana bilisummaa Oromooti jechuun hidhaa jiraachuu maddeen keenya nuuf himaniiru.
Dararaan humnoota mootummaa Bilxiginnaatiin saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru akkaan hammaatee itti fufeera.