Shawaa Lixaa Ilfataatti Waraanni Faashistii Bilxiginnaa nama tokko ajjeessun manneen qonnaan bultoota 11 ibiddaan gube.

Shawaa Lixaa Ilfataatti Waraanni Faashistii Bilxiginnaa nama tokko ajjeessun manneen qonnaan bultoota 11 ibiddaan gube.

(SQ-Hagayya 4,2022)

Golee Oromiyaa hunda keessatti yakka waraana Saba Oromoofi lammilee Oromiyaa irratti rawwaacha kan jiru waraanni faashistii Bilxiginnaa namoota nagaa ajjeessuufi manneen uummata qabeenyaa waliin barbadeessuu cimsee itti fufee jira.

Haala kanaan Hagayya 4,2022 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ilfataa ganda Gossoo Mikaayilii jedhamutti nama nagaa tokko Obbo Kurruu Isgiisaa jedhaman badii tokko malee ajjeessun manneen qonnaan bultoota 11 ammoo ibiddaan barbadeessuu maddeen SQtti himan.

Namoonni manni fi qabeenyii isaanii waraana Bilxiginnaan jala barbada’ee kunneenis

1.Mana Obbo Taaddasaa Caalchisaa
2.Mana Obbo Guutamaa Mirkanaa
3.Mana Obbo Guddataa Lammeessaa
4.Mana Obbo Lammaa Guddataa
5.Mana Obbo Darajjee Awwaash
6.Mana Obbo Salamoon Nugusee
7.Mana Obbo Bojaa Fufaa
8.Mana Obbo Moosisaa Guddisaa
9.Mana Obbo Lishuu Moosisaa
10.Mana Obbo Dajanee Magarsaa fi
11. Mana Obbo Alamuu Magarsaa yoo ta’an maatiin namoota kanneeni yeroo roobi roobu kanatti rakkoo hamaa keessatti kufaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *