Komiishiniin UN iddoo haleellaawwan itti raawwataman dhorkaa malee daawwachuuf hayyama gaafate.

Komiishiniin UN iddoo haleellaawwan itti raawwataman dhorkaa malee daawwachuuf hayyama gaafate.

(SQ-Hagayya 4,2022)

Komishiniin sarbama mirgoota namoomaa idil-addunyaa qoratu Dhaabbanni Mootummota Gamtoomanii (UN) Itoophiyaatiif hundeesse bakkawwan sarbamni mirgoota namoomaa itti raawwataman dhorkaa tokko malee akka daawwatuuf hayyama akka barbaadu beeksise.

Komishiniin kun erga hundeeffamee miseensonni komishinichaa yeroo jalqabaatiif Itoophiyaa deemeera.

Daawwannaa jalqabaa Itoophiyaatti taasisan hordofee ibsa baasaniin bakkawwan haleellaan itti raawwatamaniiru jedhaman daawwachuudhaaf “hayyama atattamaafi hin daangeffamiin” akka kennamuuf eeggachaa jiraachuu himan.

“Miseensonni Komishinii Qorannoo kun marii aanga’oota Itoophiyaa waliin taasisan hordofee, ragaa namoota ijaan arganii fudhachuudhaaf bakkawwan haleellaan itti raawwatamaniiru jedhaman daawwachuudhaaf dhorkaa tokko malee hayyama akka argatan abdii qabu,” jedhe UN ibsa Hagayya 02, 2022 baaseen.

Komishiniin kun Mana Maree Mirgoota Namoomaa UNf yeroo jalqabaatiif gabaasa kan dhiyeesse Adoolessa jalqabarra ture.

Qorattoonni kunneen dhimma namoota 200 naannoo Oromiyaa keessatti ajjeeefaman jedhamanii ilaalchisuun qorannoo akka gaggeessan ibsa UN keessatti eerameera.

Ogeessonni Komishinichaa sadii: Dursituu Komishinichaafi lammii Keeniyaa kan taate Kaarii Beetii Murungii, lammii Ameerikaa kan ta’e Isteeven Raanter fi lammii Sirilaankaa kan taate Raasiikaan A L I Adoolessa 18, 2014 Itoophiyaa daawwachuun isaanii ni yaadatama.

Ministira muummee itti-aanaafi ministira dhimma alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnon dabalatee aanga’oota biroo waliin marii taasisaniiru.

Komishiniin kun adda-durummaan yeroo waraanna Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffametti qaamoleen waraanicha keessatti hirmaataniin sarbama mirgoota namoomaa raawwataman, seerota mirgoota namoomaa idil-addunyaa diigaman, akkasumas seera baqattoota idil-addunyaa caban “gadi-fageenyaafi walabummaan” akka qoratu ibsi UN baase kun ni eera.

Manni-maree Mirgoota Namoomaa UN yakkawwan waraanaafi sarbama mirgoota namoomaa wal waraansa Itoophiyaatti gaggeeffame akka qoratuuf miseensota qorannoo kan hundeesse Bitootessa keessa ture.

Yeroo sanatti Itoophiyaan akka qaamni qorannoo idil-addunyaa hundeeffamuuf murtee darbe akka hin fudhanneefi komishinichaafis tumsa akka hin taasifne ibsuun ishee ni yaadatama.

Booda garuu komishiniin qorannoo kun gara Itoophiyaa seenuudhaaf Adoolessa keessa mootummaa Itoophiyaa irraa hayyamni kennamuun isaa ni yaadatama.

Mootummaan Itoophiyaa turtii guyyoota shanii gareen qorattootaa kun Finfinneetti taasisan ilaalchisuun ibsa baaseen, Itoophiyaan hundeeffamuu komishinii kanaa qeeqxee akka turte yaadachuun, “Komishinichi yeroo itti gaafatamummaa isaa bahatutti ejjennoo bu’uuraa mootummaa ilaalcha keessa haala galcheefi sirna mirga namoomaa idil-addunyaa hordofee” taanaan garuu dhimmi Komishinichaaf tumsa gochuu “carraan irra deebiyanii ilaaluu” akka jiraatu eereera.

Qorannoon Komishinichaa “fedhiiwwan siyaasaa hin mallerraa” bilisa akka ta’u mootummaan Itoophiyaa akka fedhu ibsi kun mul’iseera.

Qorannoo kanaan dura Komishiniin Olaanaa Mirgoota Namoomaa UN fi Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa waliin ta’uun gaggeessan “haala irra hin deebineefi tarkaanfiiwwan mootummaan itti-gaafatamummaan akka jiraatuuf fudhataa jiru hin gufachiifneen” qorannichi taasifamuu akka qabu mootummaan ejjennoo isaa ibseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *