(SQ-Hagayya 7,2022)
Waraanni mootummaa Bilxiginnaa maqaa “Shanee” barbadeessuu jedhuun qe’ee ummataa weeraree hammeenya raawwataa jiru, Hagayya 05,2022 Godina Shaggar Kaabaa/Salaalee Ona Warra Jaarsoo ganda Haroo Mikaa’el jedhamu keessatti manaa fi qabeenya qonnaan bultootaa hedduu barbadeessuu oduun arganne ifa godha.
Namoota manaa fi qabeenyi duraa barbadaawe keessaa kan ammaaf maqaan isaanii argame:-
1. Dabalaa Mollaa – mana 1, qabeenya guutuu waliin
2. Tasfaayee Mollaa – mana 1, qabeenya guutuu waliin
3. Nagaash Abbayyuu – mana 1
4. Taaddasaa Dammuu – mana 2
5. Bojaa Abbaabbuu – mana 1
6. Bojaa Molee – mana 1
7- Zallaqaa Taaddalaa – mana 2
8. Waldee Amaaraa – mana 2 fi gaaguura kanniisaa 50 waliin
9. Taaddalaa Amaaraa – mana 2 fi midhaan kuntaala 8
10. Lammaa Amaaraa – mana 2 , midhaan kuntaala 7 fi gaagura kanniisaa 70 ol
11. Taammanaa Lammaa – mana 2
Namootni mannii fi qabeenyi duraa gubate kan maqaan isaanii adda hin ba’in jiru jiraachuullee maddeen dabaluun ifoomsanii jiran. Maatiin qe’ee fi qabeenyi duraa mancaasame dirree irratti faca’anii jiraachuunis himameera.