Hubachiisa Gamtaa Afrikaatiin Kenname Ilaalchisee Ibsa ABO
Hagayya 08, 2022- Finfinnee
Duudhaan bu’uuraa ABO, dhimmootni walitti bu’iinsaa fi siyaasaa kamuu yeroo mara karaa nagaa akka furaman hordofa. Haaluma kanaan, ABO’n tattaaffii Gamtaan Afrikaa fi Dhimmamtootni biroon walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa dabalatee Gaanfa Afrikaa keessatti uumamaa jiru furuuf taasisaa jiran ni tumsa.
Gamtaan Afrikaa Ibsa Hagayya 4/2022 baaseen (Ibsi sun guyyaan isaa dogoggorsa Adoolessa 29/2002 jedhas) tilmaamaa fi yaada dogoggorsaa, dhugaa maqsu, sadarkaa Jaarmiyaa Ardii Afrikaatti hin eegamne raawwatee jira. Qaamni walabaa tokko: Jaarmayaan Gamtaa Afrikaa qaama kamiifuu akka hin loogne, dhugaaf akka dhaabbatu, fi xiinxala waliigalaa qaamolee walitti bu’iinsa kana uumanii fi hirmaattota walitti bu’iinsaa irratti hundaa’ee yaada kenna jedhamee yaadama.
Gamtaan Afrikaa walitti bu’iinsa Oromiyaa keessa jiru, saba irratti kan xiyyeeffate qofa godhee ibsaa jira. Uummatootni eenyummaa gara garaa qaban hedduun walumaagala Oromiyaa keessatti, fi akkasumas addatti Lixa Oromiyaa keessatti, Uummata Oromoo waliin karaa nagaa qabeessa jiraachaa jiru. Yeroo dheeraa dura irraa eegalee simannaan nagaa, michoominnii fi eegumsi gareelee Oromoo hin taaneef taasifamu qaama Aadaa Uummata Oromoo isa beekamaa dha. Gamtaa Afrikaan, dhalattootni garee Amaaraa naannoo Oromiyaa keessa waggoota 30 darban keessa jiraachaa jiru jedhee ibseera. Yeroo kana keessatti, badiin isaanirra gahes ta’e komiin isaan kaasan hin jiru. Sababni isaas rakkoon homaatuu waan isaanirra hin gahiiniif dha.
Lolli waraanaa jalqaba bara 1970’ta irraa eegalee humnoota bilisummaaf lolaniin gaggeeffamaa tureera. Kanaanis, uummata Amaaraa dabalatee, namoota nagaa irratti miidhaan qaqqabuu isaatiif gabaasni dhiyaate tokkollee hin jiru. Paartiin Bilxiginnaa wayita walitti bu’iinsi uumamu, furmaata siyaasaa kennuurraa baqachuuf akkasumas gaaffii siyaasaa Falmattoota Haqaa kan Bilisummaa simachuu diduuf jecha, walitti bu’iinsa sana walitti bu’iinsa “Sabaa” fakkeessuuf yaalaa jira. Gamtaan Afrikaa ejjennoo fi yaada dogoggorsaa Paartii Biyya aangoo bulchuu Itiyoophiyaa harkaa qabu kana tumsee wayita arginutti gadda guddaatu nutti dhaga’ama. Kunis Jaarmiyaan Ardii Afrikaa bakka bu’e kun loogummaa hin malle mul’isaa jiraachuu isaatiif shakkii ol’aanaa uuma.
Haleellaa Gambeellatti tahe hordofee, namootni 100 ol ta’an, baay’inaan garee Saba Amaaraa irraa ta’an Naannoo Oromiyaa (Itiyoophiyaa) keessatti ajjeefamuu isaanii Gamtaan Afrikaa wayita ibsu arguun nama qaanessa. Nuyi ajjeechaa namoota nagaa ni balaaleffanna; waliin jireenya nagaan fi kabajamuu mirga lammiilee nagaa ni jajjabeessina. Akkasumas, ajjeechaa Oromoota dhibbootaan lakkaawaman Oromiyaa keessatti loltoota mootummaa fi milishaa hidhatanii daangaa cehanii dhufaniin ajjeefaman, kan ‘Human Rights Watch’tiin irra deddeebiin gabaasaa ture, Gamtaan Afrikaas gabaasutu isarra ture jenna.
Finciltootni hidhatan kaampii loltoota mootummaa irratti haleellaa erga gaggeessanii booda, ajjeechaan Magaalaa Gaambellaa keessatti gaggeeffame finciltoota deeggartu sababa jedhuun jiraattota ilmaan Oromoo nagaa Gaambellaa irratti kan xiyyeeffate ture. Loltootni mootummaa hidhannoo guutuun bobba’an mana manarra deemanii Oromoota irratti haleellaa sanyummaa raawwataniiru, gochi hammeenyaa kunis ragaa viidiyoon mirkanaa’eera. Akka fakkeenyaatti dargaggeessi Oromoo harki isaa dudduubatti hidhamee miseensota poolisii Naannoo Gaambellaatiin irra deddeebiin itti dhukaaafamee ajjeefame kanaaf ragaa fi mirkaneessa gahaa dha.
Ibsa loogiin guutame Gamtaan Afrikaa kenne kun, shororkeessummaa mootummaa kan deeggaruu fi raggaasise ta’uu isaatti gadda guddootu nutti dhagahame. Gamtaan Afrikaa haqa kanneen qajeelchee, gocha loogummaa isaa kanarraa akka of sirreessu jabeessinee dhaamna. Kanaanis, Gamtaan Afrikaa yoo xiqqaate, rakkoo impaayerittii durumaa wal xaxaa ta’e ittuu caalaatti hammeessuu irraa akka of qusatu ni dhaammanna.
Injifannoon Uummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Finfinnee
Hagayya 08, 2022