Waraanni Bilxiginnaa Gujii lixaa fi Qellem Wallaggaatti namoota nagaa lama ajjeesuun nama rakkoo sammuu qabu 1 rasaasaan madeessuun dhaga’ame.

Waraanni Bilxiginnaa Gujii lixaa fi Qellem Wallaggaatti namoota nagaa lama ajjeesuun nama rakkoo sammuu qabu 1 rasaasaan madeessuun dhaga’ame.

(SQ-Hagayya 9,2022)

waraanni Bilxiginnaa Gaachana Sirnaa jedhaman hagayya 7/2022 Godina Gujii Lixaa Aanaa malkaa Sooddaa magaalaa malkaa Sooddaa keessatti dargaggoo Mangistuu Tasammaa Jaarraa jedhamu obbolessaa keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun erga qabaniin booda uleedhaan qaama saalaa isaa irra reebuudhaan ajjeesanii gatuu maddeen SQtti himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti dargaggoon kun Dhalataa aanaa Bulee Horaa Ganda Gaalessa Nageessoo yoo ta’u jireenya isaa foyyeffachuuf jecha hojii warqee qotanii maallaqa argachuuf gara aanaa malkaa Sooddaa akka jiraatu nuuf himan.

Oduuma wal fakkaatuun Waraanni faashistii Bilxiginnaa Hagayya 7/2022 Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Mojoo jedhamu keessatti Aabbaa Maatii kan ta’e Obbo Kamaaloo Jamaal badii tokko malee rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesu, Nama rakkoo sammuu qabu Faantaa Daggafaa jedhamu ammoo rasaasaan madeessuun daandii irratti gatuu maddeen nuuf himan.

Faantaa Daggafaas birmannaa Uummanni taasiseefin yeroo ammaa hospitaala Hawwaa Galaanitti yaalamaa jiraachuu odeeffanneerra.

Namoonni ajjeefaman kunneen namoota siyaasa keessaa qooda hin qabnee yoo ta’an, maqaa obboleessa keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jedhufi Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhu itti maxxansuun haala suukanneessaan ajjeefaman jedhu maddeen.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *