Dhaabbanni Mootummoota Gamtomanii (UN) fi Eejansiin Mootummaa Itoophiyaa atattamaan deeggarsa yoo argatan malee baqattoonni kuma 750 ol waan nyaatan hin qaban jedhe.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtomanii (UN) fi Eejansiin Mootummaa Itoophiyaa atattamaan deeggarsa yoo argatan malee baqattoonni kuma 750 ol waan nyaatan hin qaban jedhe.

(SQ-Hagayyaa 11,2022)

UN’tti Sagantaan Nyaata Addunyaa fi Tajaajilli Baqattootaa fi kanneen Baqaarraa Deebii’anii ibsa waloo baasaniin, atattamaan maallaqni kan hin argamne yoo ta’e, baatii Fulbaana dhufurraa kaasee baqattoonni biyyatti keessatti dahatanii jiran kan nyaatan hin qaban jedhan.

Dhaabbileen kunneenis balaa hanqina nyaataa kanaatiin baqattoonni hir’ina nyaataa fi dandeettii dhukkuba dandamachuu akka dhaban taasifamu danda’u jechuun yaaddoo qabu ibse.

”Atattamaan deeggarsa maallaqaa yoo hin argannee torban keessatti namoonni kuma 750 waan nyaatan dhabu” jechuun Itoophiyaatti bakka bu’aan Sagantaa Nyaata Addunyaa fi Daareektarri Kilaawuud Jiibiidaar dubbatan.

Mootummaan Gamtoomee waggoota darban keessa hanga deeggarsa baqattootaaf kennaa ture hir’isuudhaaf dirqamuu ibsuma kanaan kaaseera.

Bara 2015 keessaa baqattoota Itoophiyaatti argamaniif kennaa kan ture irraa dhibbantaa 16 akka hir’atu kan taasifame yoo ta’u, Sadaasa ALI bara 2013 irraa kaasee ammo dhibbantaa 40 akkasumas baatii tokkoon dura ammo hanga deeggarsa dhibbantaa 50’n hir’isuuf dirqameera.

Hanga deeggarsaa baqattootaaf dhiyaachaa ture kan hir’atees dhiyeessiin nyaataa sadarkaa addunyaa waan hir’ateef, kufaatiin diinagdee waan mudateef, baasiin nyaataa fi annisaa dabaluusaa fi walitti bu’iinsi sababa jedhamaniiru.

Eejansiiwwan Mootummoota Gamtoomanii fi Tajaajilli Baqattootaafi kanneen Baqannaa Deebi’aniis dhiibbaa hir’ini nyaataa kun baqattoota irraan gahe hubachuuf qorannoo gaggeessaniiru.

Qorannoo kanaanis miseensonni maatii dhiyeessiin deeggarsaa jalaa hir’atee rakkinicha dandamachuuf jecha hanga nyaata sooratanii fi guyyaatti hamma sooratan hir’isuuf dirqamuu hubatameera.

”Fedhii bu’uuraa baqattootaa guutuuf hir’ina dooraala miliyoona 73 nu mudateera.

”Deeggarsi maallaqaa kun kan hin argamne yoo ta’e, baqattoonni osoo nageenyisaanii hin mirkanoofne gara qe’ee irraa baqataniitti deebi’uuf filachuuf dirqamu ta’a,” jedhan Ki’aawud Jiibiidaar yoo akeekkachiisan.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa maallaqa deeggarsa kenniitoonni gaafatan kan argatu yoo ta’e gabaa naannichatti argamu irraa bituun nyaata akka qooduufi buqqaatonni fedhiin bu’uuraasaanii akka guutamu akkasumas gabaa naannichaa si’oomsuuf maallaqa callaa akka dabarsu beeksiseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *