Waraanni Bilxiginnaa Godina Arsii Bahaa Aanota Garaagaraatti Manneen Qotee Bulaa gubuu cimsee itti fufee jira.

Waraanni Bilxiginnaa Godina Arsii Bahaa Aanota Garaagaraatti Manneen Qotee Bulaa gubuu cimsee itti fufee jira.

(SQ-Hagayya 11,2022)

Godina Arsii Bahaa Aanoota gara Baadiiyyaa jiran keessatti waranni PP Manneen qotee bulaa Oromoo badii takka malee ibiddaan barbadeessaa akka jiran maddeen keenya garasii irraa odeeffannee jirra.

Waraanni murna bilxiginnaatiin hogganamu fi finxaleeyyiin Amaaraa waliin ta’uun Godinicha keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu fi ilmaan keessantu bosonaa jira akkasumas Waraana Bilisummaa Oromoo sooraa jirtu jechuun qotee bulaa Siyaasaa kamuu keessa hin jirre ajj*eessu, hidhuu, godaansisuu fi manneen qotee bulaa ibiddaan barbad*eessanii qotee bulaa mana malee godhanii hambisaa jiraachuu maddeen keenyi SQtti himaniiru.

Arsii Bahaa Aanaa Xannaa jedhamu keessatti Waraanni Shiftaa Bilxiginnaa kan baay’inaan buufaman yoo ta’u gandicha keessa deemuun manneen qotee bulaa ibiddaan barbadeessuu fi qabeenya qotee bulaa saamaa jiraachuun himame.

Dabalataan akka maddeen keenya garasii gabaasa nuuf laatan jedhanitti Aanaa Xannaa Ganda Baadiiyyaa Soolee Utaa fi Soolee Caffee jedhamu keessatti Manneen Qotee Bulaa abiddaan barbadeeffamanii 26 ol ta’uu SQ tti himaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *