Waraanni Bilxiginnaa Wallagga Bahaatti Haadholii Oromoo jumlaan hidhe.

Waraanni Bilxiginnaa Wallagga Bahaatti Haadholii Oromoo jumlaan hidhe.

(SQ-Hagayya 17,2022)

Hagayya 15/2022 Waraanni Bilxiginnaa Godina Wallagga Bahaa aanaa Limmuutti Haadholii Oromoo badii tokko malee jumlaan hidhaatti guuraa turuu maddeen SQtti himan.

Haadholiin Oromoo badii tokko malee waraana Bilxiginnaatiin hidhaman kunneen
Aadde Ta’iwarqee Sanyii
Aadde Maaree Qana’aa
Aadde Tarrafee Goobuu
Aadde Suufee Abbabaa fi
Aadde Seedaree

kanneenjedhaman warreen ammaaf maqaan isaanii nu ga’e yoo ta’u, kanneen maqaan isaanii nun geenye hedduunis jiraachuu Odeeffanneerra.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti haadholiin hidhaman kunneen namoota siyaasa keessaa qooda hin qabne yoo ta’an, haga ammaatti sababni isaan hidhamaniif adda hin baanes jedhu.

Oduuma wal fakkaatuun Waraanni Bilxiginnaa Godina iluu Abbaa Booraa aanaa Buree fi Hurrumuu keessatti, Badii tokko malee Uummata nagaa jumlaan hidhaa jiraachuu Maddeen SQ nuuf himan.

Kanneen torban kana keessaa Waraana Bilxiginnaatiin hidhamuun hiraarfamaa jiran keessaa

Daani’el Taaddasee
Taliilaa Shamsuu
Firaa’ol Amanaa
muddassir Naasir
Tamaam Abduu
Yaasin Umar.
Wandayyoo Balaay
Muniir Jamaal
Jossy Alamuu
Gazali Sheek Aashim
Tasfaayee Waakkennee fi
Elsaa Lammaa,

warreen jedhaman kanneen ammaaf maqaan isaanii nu ga’e yoo ta’u, kanneen maqaan isaanii adda hin baane hedduunis jiraachuu odeeffanneerra.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *