Artist Saartuu Usmaayyoo Muusaa magaalaa Finfinnee keessaatti humnoota tika mootummaan ukkamfamte.

Artist Saartuu Usmaayyoo Muusaa magaalaa Finfinnee keessaatti humnoota tika mootummaan ukkamfamte.

(SQ-Hagayya 18,2022)

Akka waahillan ishee SQtti himanitti, artist Saartuu Usmaayyoo Muussaa kaleessa magaalaa Finfinnee mana yaalaa Abeet jedhamurraa nama dhukkubsatu gaafattee osoo deemtuu namoota uffata siviilii uffatan lamaan butamte.

Yeroo ammaa Saartuun mana hidhaa kamitti akka hidhamte hin beekkamuu kan jedhan waahillan ishii, kanaan dura namoonni bifa kanaan qabaman jalqaba mana hidhaa naannawaa Meksikoo jirutti geeffamaa waan turaniif achi dhaqanii ilaallaanillee argachuu akka hin dandeenye maddeen keenya nuuf himaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *