Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti humni addaa Amaaraa Shamarran Oromoo bifa nama suukkaneessuun dararaa jira.

Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti humni addaa Amaaraa Shamarran Oromoo bifa nama suukkaneessuun dararaa jira.

(SQ-Hagayya 23,2022)

Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti finxalee*yyiin Amaaraa kan maqaa seera kabachiisuu jedhuun godina Walloo keessatti baay’inaan buufamee qotee bulaa Oromoo dararuu irraa darbe Shamarran Oromoo Walloo akkumaa ammaan dura dararaa fi gudeeddii irratti raawwataa turan har’a dubartoota bakka hedduu hiraarsaa jiraachu maddeen gabaasaniiru.

Guyyaa kaleessaa Riqicha guddaa Aanaa Arxummaa fursee fi Qalloo giddutti argamu irratti humni shif*taa Amaaraa Shamarran Oromoo Jimaa ykn Caatii gurguranii ofiif Maatii isaanii jiraachisan reebicha irratti raawwatuufi saamuu maddeen keenya achi nuuf himan.

Haaluma kanaanis Aanaa jiillee dhummuugaa magaalaa Makkannaa keessatti dubartii Oromoo ammaan dura sababa lolaatiin mana gadi dhiiftee magaalaa Sanbateetti galtee turte ishee Qoraan fudhatuuf deemtu humnoonni kun eessaa dhufte jechuun reebicha hamaa irraan ga’anii lafatti darbatanii akka biraa deeman isiniif gabaasne jirra.

Finxalee*yyoonni Amaaraa kun akkuma ammaan dura gocha sukkanneessaa qotee bulaa Oromoo fi Shamarran Oromoo Walloo irratti raawwataa turan har’as gochuma sanitti kan fuula isanii gara galchatan ta’uu namatti mul’isa jedhu maddi keenya g
achii nuuf hime.

Itti dabaluun akka maddi keenya godina Walloo keessaa irra deddeebiin gaabaasa nuuf laataa jiru jedhutti humna addaa naannoo Amaaraa jedhun faannoon Amaaraa nurratti buufame kun Aanaa Baatee keessatti Shanee barbaanna jechuun baadiyyaa keessa deemanii kan qotee bulaa sodaachisaa jiran yoo ta’u gama kaaniinis qotee bulaan keenya akka hongeef saaxilamuuf kallattii hedduun carraqii guddaa godhaa jiran jechuun maddeen keenya SQtti himaniiru.

Qeerroon Walloo tokko akkas jechuun dubbate hanga humnoonni shiftaa Amaaraa kun godina walloo keessaa hin kaafamin nageenyi qotee bulaa Oromoo wallootiif ni argama jedhanii yaaduun fafa jechuun SQtti dubbatee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *