Godina Wallagga Bahaatti Waraanni Mootummaa dargaggoo tokko manaa jireenya isaa keessaa baasuun Lubbuu balleessuun gatan.
(SQ-Hagayya 24,2022)
Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti Dargaggoo maqaan isaa Araarsaa Tashoomee Jedhamu Waraanni Mootummaa Guyyaa kaleessa Hagayya 23,2022 Halkan keessaa tilmaamaan sa’a 9:00 Mana jireenyaa isaa keessatti ajjeesuun gadi baasanii Naannoo Hospitaalaatti gatuu maddeen keenya SQtti himan.
Armaan duras Golee Oromiyaa guutuu keessatti waraanni faashistii pp kun namoota nagaa kanneen akka Manguddoo,Dargaggootaa fi daa’imman ol adeemtuu kichuutti ajjeesaa turuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.
Mootummaan Afaan Qawween biyyan bulcha jechaa jiru kun gochaa sanyii duguuggaa saba Oromoo irratti rawwachaa jiraachuu isaa fi Namoota nagaa ta’an immoo waraanni isin hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun namoota nagaa ajjeesa jiraachuun ni beekama.
Godina Wallagga Bahaatti Waraanni Mootummaa dargaggoo tokko manaa jireenya isaa keessaa baasuun Lubbuu balleessuun gatan.
