maqaleeti Haleellaa qilleensa raawwtee
(SQ-Hagayya 26,2022)
Magaala Maqalee keessatti haleellaa qilleensarraa raawwatamuu hordofee mootummaan ibsa baaseen naannolee adda bahan irratti haleellaan akka gaggeefamu beeksise.
Miidiyaan naannoo Tigraay Tigraay TV suura gamoowwan diigamanii kan agarsiise yoo ta’u, haleellaa qilleensarraa kanaan namoonni nagaa ajjeefamuus gabaaseera.
Haleellaan qilleensaa kun dhagaahamuu sa’aa tokko booda Ministeerri tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen, naannolee filataman irratti haleellaan akka raawwatamu beeksiseera.
Waayee haleellaa amma gabaasamee hoomaa kan hin jenne ibsichi, ”mootummaan buufataalee waraanaa ‘Juntaa’ filataman ni haleela,” jedheera.
Lammiileen naannoo Tigraay keessa jiraatan keessumaa, ”bakka kuusaa meeshaa waraanaafi buufataalee leenjii waraanaa jirtan naannolee kanaa akka of fageessitan” jechuun akeekkachiiseera.
Televizhiniin Tigraay kan naannoo Tigraay keessatti argamu haleellaan qilleensaa kun Jimaata guyyaa sa’aa 6:40 irratti kutaa magaalaa Maqalee naannoo Sameen Kifla Katamaa jedhamutti bakka oolmaa daa’immaniitti raawwatame jechuun gabaase.
Haleellaan amma mudate kun waraanni gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuuf jecha dhukaasa dhaabuu labsame hordofee ji’oota shaniif tasgabbaa’ee ture torban kana keessa deebiyee jalqabe kun hammaachuu isaa agarsiisa.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa baaseen, haalduree malee mariyachuuf ejjennoon mootummaan qabate akkuma eegametti ta’ee ” qaama farra nageenyaa kanaaf galtee waraanaa ta’an irratti haleellaan xiyyeefate itti fufa,” jedheera.
Kaaba Itoophiyaa bakkeewwan naannolee Tigraay, Aamaaraafi Affaar waliin waldaangessan irratti walitti bu’insi akka haaraatti jalqabame kun guyyaa sadaffaa isaa keessa jira.
Hanga ammaatti garuu waa’ee waraana bakkawwan sana jiruu odeeffannoon qaamolee lamaan irraa bahu hin jiru.