Lammiileen Itoophiyaa 18 biyyoota Galoo galaanaatti ”garbummaan” gurguramuuf turan Keeniyaatti baraaraman.

Lammiileen Itoophiyaa 18 biyyoota Galoo galaanaatti ”garbummaan” gurguramuuf turan Keeniyaatti baraaraman.

(SQ-Fulbaana 8,2022)

Daayirektoreetiin qorannoo yakkaa Keeniyaa lammiileen Itoophiyaa hundi isaaniiyyuu dhiira ta’an kun Keeniyaa keessa qaxxaamuruun gara biyyoota galoo galaanaatti dabarfamuuf turan jedheera.

Namootni kun ”achitti garba godhamanii gurguramu” jedha Poolisiin Keeniyaa.

Lammiileen Itoophiyaa kunniin qarqara magaalaa Naayiroobii naannoo Atii Riiver jedhamutti mana tokko keessaa qabaman.

Akka Poolisiin Keeniyaa jedhutti garee Yakkoota qindaa’oo Daangaa Ce’an to’atan sakattaa godhaniin qabaman.

Lammiileen Itoophiyaa hojii barbaacha karaa seeraan alaa gara biyyoota Arabaa imalan hedduun dararaa hedduuf akka saaxilaman, darbees irra deddeebiin akka garbaatti kan gurguraman amma dura BBC’n gabaasee ture.

Waggoota dhiyoo keessa Sa’uudii Arabiyaan duula hojjettota hayyama malee biyya ishee jiran baasuu eegalteen walqabatees dargaggoonni kumootaan lakkaawwaman manneen hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu himachaa turan.

Daddabarsa namaa seeraan alaa kana wajjjin walqabatee Lammilee Keeniyaa sadii to’achuus gareen yakka qindaa’aa daangaa qaxxaamuru to’atu ibseera.

Namootni yakka nama daddabarsuun kanaan shakkaman Huseen Mohaammad nama ganna 32, Hasan Ibraahiim Godaanaa nama ganna 35 fi Carii Dullachaa nama ganna 40 ta’uu Daayireektoreetiin Yakka Qindaa’aa Keeniyaa ibseera.

Shakkamtootni kun buufata Poolisii Mutaayigaa akka jiraniifi lammiileen baraaraman 18 to’annoo jala turanii ragaan imalaa isaanii sakatta’amaa akka jirus beeksise.

Oduun kun kan dhagaahame lammiin Keeniyaa ganna 24 Diyaanaa Chepkemooyi jedhamtu Sa’uudii Arabiyaatti harka hojjechiistota isheetti hammeenyi irratti raawwatee biyyatti erga deebiteeti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *