Waraanni kaaba Itoophiyaatti deebii’e ka’e naannicha akka hin jeeqine dhaabachuu qaba jedhe Komishiniin Mirga Namoomaa UN.

(SQ-Fulbaana 9,2022)

Komishiniin Mirga Namoomaa idil-addunyaa kan sarbamoota mirga namoomaa waraana Itoophiyaa keessa adeemuu qoratuufi Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtomaniin hundeeffame, waraanni Kaaba Itoophiyaa deebii’ee eegale biyyoota naannoo akka hin jeeqneef tarkaanfiin fudhatamu qaba jechuun akeekkachiise.

Komishinichi nageenya lammiilee mirkanneessuu fi waraanichi caalaa babalachuun naannicha akka hin jeeqneef manni maree nageenyaa UN tarkaanfii akka fudhatuuf gaafate.

Komishinichi ibsa Fulbaana 7, 2022 baaseen, manni marichaa haaluma chaartarii nageenya lammiilee mirkanneessuufi walitti bu’iinsa naannicha keessa babalachuun caalaa jeequu danda’u to’achuuf baaseetiin tarkaanfii akka fudhatu gaafate.

Kana malees waraanichi yaaddoo gara biyyoota biraatti babalchuu akka itti uumees ibseera.

Haaluma yaaddoo waraanichi nageenyaa fi tasgabbii naannicha irratti qabaatuun, Manni Maree Nageenyaa UN atattamaan dhimma Itoophiyaarratti mari’achuun murteessuu haala gaariin akka ilaalu ibseera.

Yaaddessaa tahuu dhimma kanaa tilmaama keessa galchuun manni marichaa haalota Itoophiyaa fi Afrikaa ajandaa ijoo gochuun akka itti fufsiisu koomishinichi yaadachiiseera.

Lolli mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduu akka haaraatti jalqabuun akka isa yaaddesse kan hime ibsi koomishinichaa loltoonni Ertiraas waraana kana irratti hirmaataniiru jedheera.

Koomishinichi qaamoti wal-waraanan lola akka dhaaban, dirqama namoomaa seerri addunyaa ajaju akka kabajaniifi waraana kana nagaan goolabuuf mariitti akka dacha’an irra deddeebiin waamicha dhiyeesseera.

Labsii dhukaasa dhaabuu booda baatii shaniif waraanni gabii argatee ture, Hagayya 18/2022 A.L.I deebi’ee jalqabe, adda garagaraa irratti waraanni jiraachuu gabaafamaa jira.

Fulbaana 7,2022 waraanni Ertiraa adda waraanaa Raamaa, Tsoranaa, Zaalambassaa fi Daalolitti haleellaa raawwachaa jira jechuun dubbii himaan TPLF Obbo Geetaachaw Raddaa dubbataniiru.

Dabaluunsi naannoo Addigiraatillee waraanni meeshaa gurguddaadhaan guyyaa guutuu haleellaa oole jedhan.

Torbee tokko dura waraana Itoophiyaa fi Ertiraa dhaan lixa Tigraayiin kallatti afuriin haleellaan nurratti banameera kan jedhan Obbo Geetaachaw torbee lamaaf adda kanarratti waraannni akka itti fufe fuula Tiwiitarii isaanii irratti barreessaniiru.

Kana ilaalchisee gama Ertiraan waan jedhame jiraachuu baatus kara mootummaa Itoophiyaan garuu kara Sudaan kallattii lixaa biyyattii daangessituun TPLF kallattii adda addaan waraana babal’isaa jira jechuun himatee ture

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *