Eertiraan humnoota waraanaa eeggataa umuriin waggaa 55 gadii hatattamaan waraanaatti akka makamaniif ajajje
(SQ- Fulbaana 16, 2022)
Eertiraan miseensoota humna of eegannoo (Reservists) kan umuriin isaanii hanga waggaa 55 ta’eefi hojiiwwan garaa garaa irratti hirmaatanii jiraatan akka waraanaatti makamaniif waamicha dhiyeesuu maddeen himan.
Akka maddeen kunneen jedhaniitti, magaalaa guddoo biyyattii Asmaraa keessatti Kamisa kaleessaa Fulbaana 15, 2022 baayyeen isaanii sa’aatiiwwan keessatti akka qophaa’aniif itti himamuun karaa daangaa Itoophiyaan wal daangeessanitiin adda waraanaatti geeffamuu maddeen BBC Tigriffaatti himaniiru.
Asmaraadhaan alattis humni eeggataa kun bakkuma jiranii akka waajjiiraalee mummee isaaniitti gabaasa taasisaniif gaafatamaniiru.
Humnootiin nageenyaa bakkeewwan garaa garaatti namoota dhaabuun miseensa waaraanaa duraanii ta’uufi dhiisuu sakkattaa’aa jiraachuun himameera. Haalli kunis maatiiwwan hedduu irratti sodaaafi yaaddoo umuunsaa hin hafne jedhu maddeen kunneen.
Kana malees miseensoonni humna of eeggannoo muraasnis meeshaalee kan akka uffata halkanii fi qabduu bishaanii kan mataasaanii qabatanii akka dhiyaatan gaafatamuu maddeen kunneen BBCtti himan.
Ijoollee, obboolaafi haadhooliin wayita bo’aa abbaa warraa fi obbooloosaanii gaggeessan argamuu maddeen kunneen dabaluun himaniiru.
Maddeen BBC akka himanitti Gareen tokko tokko Kamisa kaleessaa Fulbaana 15,2022 gabaasa gochuun bobbaafamuuf qophii tahuu himameera.
Eeessatti bobbaafamu kan jedhu irratti odeeffannoo homaatii hin beekamu.
Waamicha kanarraa hafuun hin danda’amu. Sababa kamiyyuu qabaatan irraa hafuun hin danda’amu.
Namootni dhukkubsatan ragaa fayyaa isaanii waliin gabaasa gochuun bakka geeffamanitti akka yaalaman taha. Malee manatti hauun hin danda’amu.
Namni tokko dhokatee yoo manatti hafe, sababii kamiiniyyuu yoo tahe, manni jireenyaa isaa irratti cufamuun maatiin isaa alatti darbatamu, akkasumas maatiin isaa hidhamu.
Hojjettootni kaampaanii nageenyaa Salaam kanneen waajjira UN eegan waamicha Kanaaf waan deemaniif kaampaanichi furmaata osoojalaa hin deemiin furmaata barbaada jedhe.
Mootummaan Eertiraa yeroo baayyee tajaajila waraanaa dirqamaa itti fufuun qeeqama. Waamichi Eertiraan tibbana taasifte kunis tarii walitti bu’iinsa cimsuu mala jedhamuun sdaatamaa jira.
Ertiraatti sababii fayyaafi kanneen birootiin yoo ta’e malee lammiilee biyyattii ummuriin hayyamu hundi tajaajila waraana biyyaaleessaa keessatti hirmaachuun dirqama.
Waaraanni mootummaa Itoophiyaa humnootii TPLF jidduutti kanaan dura gaggeeffame fi loltoonni Eertiraa keessatti qooda fudhachuun himamees, erga jidduun baatiiwwan shaniif dhaabbateen booda torbanota dura deebii’ee eegalunsaa ni yaadatama.
Aangaa’oonni Itoophiyaa fi Eertiraa dhimma kanarratti yaada akka kennaniif gaafatamanillee deebii argachuun hin danda’amne.
Haata’u malee aanga’oonni Ertiraa humnootiin TPLF isaan irratti haleellaa raawwachuu akka barbaadu himatu.
Ammas mootummaan Isaayaasaa Afawarqi qajeelfama kana kan baasan waraanaa Itoophiyaafi humnootii TPLF jidduutti deebiisee eegale keessatti loltoonni Ertiraa hirmaataa akka jiran TPLF himannaan erga dhiyaateen boodadha.
Guyyoota muraasaan duras ajajaan waraana TPLF Janaraal Taadasa Warada humnootiin gamtaa Ertiraafi Itoophiyaa Sharaaroo dabalatee naannawan Tigraay kan biraa qabachusaanii TV naannichaa irratti dubbachun ni yaadatama.
Haaluma walfakkaatunis Gamtaan Awurooppaa waranaa kanarratti waraanni Ertiraa hirmaataa jiraachu himuun, biyyi ollaa Ertiraan waraanicha keessatti hirmaachun ammo yaalii Itoophiyaatti nagaa buusuuf taasisaa jirtuutti gufuu ta’ee itti fufeera njechuun ibsa baasee ture.
Mootummaan Itoophiyaas ibsi Fulabaana 15, 2022 baaseen Gamtaa Awurooppaa kun akka isa mufachiisee himuun ni yaadatama.
Maddi: Addis Standard Afaan Oromoo