Hongeen Oromiyaa keessatti shamarran umrii malee akka heerumaniif saaxilaa jira jedha jaarmiyaan baraarsa daa’immanii UNICEF.

Hongeen Oromiyaa keessatti shamarran umrii malee akka heerumaniif saaxilaa jira jedha jaarmiyaan baraarsa daa’immanii UNICEF.

(SQ-Onkoloolessa 15,2022)

Fiinxee Mohaammad jedhamti amma Umriin ishee 17. Gaaf ijoollummmaatti gaafa umriin ishee 13 heerumtee turte. Abbaan warraa ishee nama ganna meeqaa akka ta’ellee hin beektu. Maatiin koo kan na heerumsiisaniif sababa hongeef galii waan dhabaniif ture. Gabbara waan barbaadaniif na gurguratan jetti. Fiinxeen naannoo Oromiyaa bakka irra deddeebiin hongeen miidhurraayi.

Barana hongee hamaa waggoota 40 as mul’atee hin beeknetu Itoophiyaa rukute jedha UNICEF.Yeroo hongee gaa’elli umrii malee ni dabala jedha gabaasni qorannoon UNICEF kun.

Sababni kanaa Maatiin gabbara waan barbaadanii fi shamarran heeruman maatii sooreyyii bira waan dhaqaniif rakkoon midhaan nyaataa isaan hin qunnamu jedhanii yaadu.

Naannoo hongeen hammaatetti Barana akka bulchiinsonni mootummaa kan gara gadii jedhanitti, Ammajjii – Eblaa bara 2021 tiin wal bira qabamee yoo ilaalamu yeroo wal fakkaataa bara 2022tti gaa’elli shamarranii umrii malee giddugaleesaan dhibbeentaa 119’n dabalee jira.

Fiinxeen muuxannoo ishee akka qooddetti gaafan umrii malee heerumuuf jedhu baay’een dhiphachaa ture. Sodaachaan ture. Akkan heerumeen homaa jireenya mo’achuu hin dandeenye. Mana bulchuun dadhabe. Hojii manaa hin dandeenye jetti.

Fiiinxeen garuu ayyaantuu dha. Ji’oota 8f gaa’ela san umrii malee keessatti dhiphachaa erga turtee booda jiruu kana akka hin feene warra ollaa isheetti himatte. Warri ollaas ni gargaaran. Waajjira mootummaatti gabaaste. Gaa’elli ishees saffisaan torbaan muraasa keessatti karaa Mana murtiitiin ni haqame. Fiinxeen amma warra isheetti deebitee jirti. Barachaas jirti. Maatiin koo gaabbanii turan. Garuu manni murtii gabbarri akka hin deebinse murteesse jetti. Amma barachuu qofa osoo hin taane gaa’elli umrii malee akka dhaabbatu nan barsiisa jetti mucayyoon tun.

Fiinxeen amma miseensa koree mana barnootaa UNICEF kan miidhaa gaa’ela umrii malee fi faayidaa barnootaa barsiisaa jiran nama takka. Isheen ijoolleen ammallee miidhaa kanaaf saaxilaman akka jiran eerti.

Caasaan mootummaa akka dhaabsisan waadaa galu jedha UNICEF.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *