Godina Shaggar Kibba -Lixaatti Aadde Kokabee kan jedhaman mana hidhaa keessatti ajjeefaman

Godina Shaggar Kibba -Lixaatti Aadde Kokabee kan jedhaman mana hidhaa keessatti ajjeefaman.

(SQ – Onkoloolessa 15,2022)

Oduun guyyaa har’aa ba’e akka ibsutti, jiraattuu Godina Shaggar Kibba-lixaa Ona Qarsaa Maallimaa kan taate Aadde Kokabeen, guyyaa kaleessaa Onkoloolessa 14,2022 mana hidhaa keessatti ajjeesamte.

Aadde Kokabeen Fulbaana 15,2022 ganama Abbaa Warraa ishee Obbo Kifilee Jaankaa hojjetaa onichaa ta’e maqaa “Shanee wajjin hidhata qabda” jedhuun caasaan sirna Bilxiginnaa Ona Qarsaa Maallimaa duraa hidhee jiruuf nyaata geessaa osoo jirtuu, humnootni tikaa mootummaa iddoo addaa Waarkaa jedhamutti konkolaataa keessaa buusanii “Shaneedhaaf qaltee geessaa jirta” ittiin jechuun akka malee rifaasisanii mana hidhaatti darban jechuun maddeen oduu gabaasa baasaniin ifa godhaniiru.

Hidhattootni mootummaa Bilxiginnaa tarkaanfiin maatii kana irratti fudhatan isaan ga’uu hanqatee qe’ee isaanii dabalatee manneen namoota 6 akka barbadeessanis ibsameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *