Iraan diroonii waraanaa Itoophiyaaf dhiyeessuu Ameerikaan ibsite.

Iraan diroonii waraanaa Itoophiyaaf dhiyeessuu Ameerikaan ibsite.

(SQ-Onkoloolessa 20,2022)

Waraana waliinii Itoophiyaa keessatti Dirooniin Turkiyee Baayraktar TB2, Dirooniin Chaayinaa Wing Long One fi Dirooniin Iraan Mojaahar 6 jedhaman hirmatuutu himama.

Addunyaa irratti madaala dirree waraanaa jijjiiree jira jedhamuun kan dubbatamu xayyaarri waraanaa nam-maleessaa waraana waliinii Itoophiyaa keessatti qooda fudhatuu isaatu dubbatama.

Dirree waraanaa irratti ergama itti kenname raawwachuun baay’ee kan jajaman Dirooniiwwan biyyoota sadii jechuun Dirooniin Turkiyee Baayraktar TB2, Dirooniin Chaayinaa Wing Long One fi Dirooniin Iraan Mojaahar 6 jedhaman wal waraansa Itoophiyaa irratti gama mootummaa federaalaa goranii qooda fudhachuu isaanitu dubbatama.

Mootummaan Itoophiyaa waraana gareewwan finciltootaa wajjiin adeemsisaa jiru irratti dirooniwwaan waraanaa biyyoota alaa kanneen fayyadamuun haleellaa raawwataa turee jira jedhame.

Waraana waliinii Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru irratti mootummaan Iraan mootummaa federaalaa Itoophiyaaf xayyaaraa waraanaa nam-maleessaa dhiyeessaa turuu Yuunaaytid Isteet ibsite.

Ittaanaan Dubbii Himaa Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Veedaantii Paateel akka jedhanitti Iraan waraana Itoophiyaa keessatti geggeefamaa jiru irratti mootummaa Itoophiyaaf akkasuma waraana Raashiyaa fi Yukreen jiddutti adeemsifamaa jiru irratti Raashiyaaf Diroonii waraanaa dhiyeessite jirti jedhan.

Veedaantii Paateel ‘‘Iraan xiyyaaroota nama-malleeyyii kanneen biyyoota lamaaniif kan ergite yaada murtoo Mana Maree Nageenya Dhaaabbata Mootummoota Gamtoomanii lakkoofsa 2231 cabsuudhaan’’ jedhan.

Akkaataa yaada murtee Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti 2231tti Iraan mana maree Nageenya Mootummoota Gamtoomaniitiin dursitee hayyama yoo argatteen alatti tajaajilootaa fi meeshalee teeknoolojii gara biyyoota birootti dabarsuu hin dandeessu kan jedhan qondaallii Ameerikaa kun, “biyyoonni hundi qabeenyi dhaabbata kanaa akka hin sochooneef dhorkuu qabu” jedhani jiru.

Itoophiyaan waraana finciltoota waliin adeemsisaa jirtuuf diroonii biyyoota alaatti dhimma bahaa turuu ishii ajajaan humna waraanaa qilleensaa Itoophiyaa letinaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan A.L.I Sadaasa 2013 TV biyyaalessaa irratti dubbatanii turan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *