Ajjeechaafi saamichi, manneen uummataa gubachuun ammas Amuruu irraa hin dhaabbanne.

Ajjeechaafi saamichi, manneen uummataa gubachuun ammas Amuruu irraa hin dhaabbanne.

(SQ-Onkoloolessa 22/2022)

Haleellaa humnoonni Amaaraa Faannoo jedhamaniifi pp Uummata nagaa meesha maleeyyii irratti bananiin namoonni hedduun ajjjeeffamaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamudha.

Akka Maddeen keenya himanitti ajjeechaan kun itti fufuun Onkololeessa 20, 2022 Uummata nagaa qe’eef qabeenyasaarratti haleeluutu himamaa jira.

Hidhattoonni finxaaleyyii naannoo Amaaraa Faannoo jedhamanii fi hidhattoonni mootummaan bobbaase aanaa Amuruu ganda Migiritti ummata nagaa irratti lola taasisaniin yoo xiqqaate lubbuun namoota 18 olii darbuu maddeen keenya nuuf ibsaniiru.

Lubbuun namootaa darbuutti dabalee maneen ummataa 41 ol qabeenyaa keessa jiru waliin akka gubatanii fi beelladoonni 86 ol akka humnoota kanaan fudhataman maddeen SQ gabaasaniiru.

Ilmaan Oromoo ajjeefaman keessa manguddoonni wagga 80 olii akka jiran kan ibsan maddeen, miidhaa gahe guutummaatti adda baafachuun akka hin danda’amne nuuf ibsanii jiru.

Namoota ajjeefaman keessaa kanneen maqaan isaanii nu gahe:-
1) Obbo Raggaasaa Gonfaa – umurii 80
2) Obbo Toleeraa Dhugumaa – umurii 80
3) Obbo Faantuu Hulluuqaa – maanguddoo
4) Mallasaa Nagarii – barataa
5) Aadde Hawwinee Gammachuu
6) Darkachoo Nagarii – barataa kutaa 8ffaa
7) Obbo Jammaraa Dassaaleee
8) Aadde Ayyaantuu Dassaalee
9) Obbo Margaa Barii – Abbaa maatii
10) Obbo Mulgeetaa Abarraa – Abbaa maatii
11) Dargaggoo Garramuu Margaa
12) Obbo Dhugaasaa Dhufeeraa – umurii 73
13) Obbo Taarikee Hirkoo
14) Aadde Disoo Gabul – umurii 80 kan ija hin qabne
15) Obbo Nagaraa Abdiisaa – Abbaa maatii
16) Dargaggoo Tasfaayee Morkaa
17) Obbo Silashii Balaay – Abbaa maatii fi
18) Obbo Beenyaa Margaa – Abbaa maatii ti.

Oduun boodana ba’aa jiru akka mul’isutti ammoo daa’imman kan keessatti argaman dubartootni 9 ajjeesamanii bishaanitti gatamaniiru; akkasumas manneen 1500 ol barbadaa’aniiru.

Uummanni qotateefi horsifatee jiraatu, kan dilbii diinqaa hammaaree hiyyeessaaf laatu, uummanni aanaa Amuruu, gumaa maatiifi firaa dhabee, qabeenyi isaas manca’ee amma yaaddoo lubbuun jiraachuu Keessa galeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *