Giddaa Ayyaanaatti Waraanni bilxiginnaa barattuu tokko rasaasaan rukutuun madeesse.
(SQ-Onkoloolessa 26,2022)
Onkoloolessa 24, 2022 Godina Wallagga bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa bakka gaara Dichoo jedhamutti waraanni Bilxiginnaa barattuu Ayyaantuu Ayyaanaa jedhamtu konkolaataa keessaa gadi buusuun rasaasaan rukutanii madeessuu maddeen SQtti himan.
Barattuu Ayyaantuun barnoota waggaa 3ffaa yuuniversitii Riiftivaalii irraa Kan barattu yoo ta’uu, erga rukutamtee booda uummanni lafaa kaasuun gara mana yaalaatti kan geessan yoo ta’u, haalli fayyummaa ishee yaaddessaa ta’uu barameera.
Maqaa Waranaa Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jedhuun Ayyaantuu erga rukutaniin booda konkolaachisaa reebuun konkolaata harkaa fudhachuu fi imaaltoota irrattis reebicha raawwataniin miidhaa qaamaa qaqqabsiisuus odeeffanneerra.