Arsii Lixaatti waraanni Bilxiginnaa nama tokko ajjeessuun manneen namoota 7 gubuun dhaga’ame.

Arsii Lixaatti waraanni Bilxiginnaa nama tokko ajjeessuun manneen namoota 7 gubuun dhaga’ame.

(SQ-Sadaasa 8,2022)

Sadaasa 4, 2022 Kibba Bahaa Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsii ganda Shopaa Bultum jedhamutti nama Obbo Fayyisaa Galatoo jedhamu jala manaafi qabeenya isaa jala barbadeessuun Oboo Fayyisaas ajjeessu maddeen SQ nuuf himan.

Kana malees, ganduma sanatti manneen namoota 7 jechuunis kan, Obbo Tuyyee Gammadaa, Tashoo Gammadoo, Gamoo Bofee, Qossee Foqqisaa, Daddaafii Jullaa, Shaabee Bulloo jedhamanii qabeenya isaan qaban waliin jala guban jedhu.

Maqaa Waraana Bilisumma Oromoo waliin hidhata qabdu jedhu itti maxxansuun namoota nagaa ajjeessaafi manafi qabeenya isaanii jala guban kan jedhan maddeen yeroo amma kana maatiin Obbo Fayyisaa Galatoo bakka itti gaddaa ta’anilee dhabanii gaddaa irratti gaddaa dabalatanii jiru jechuun miiraa gaddaan dubbatu.

Waraanni Bilxiginnaa Saba Oromoofi lammilee Oromiyaa irratti yakkaa waraana raawwachuu cimsee itti fufee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *