Lolli Oromiyaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa gidduutti deemaa jiru torban darbe qofa lammiilee nagaa hedduu fixee jedha gabaasni Assoshiyeetid prees.
(SQ-Sadaasa 10,2022)
Godina Wallagga Lixaa magaalaa Biilaatii jiraattonni natti himaniiru jechuun miidiyaan kun akka gabaasetti haleellaa qilleensarraa Sadaasa 02 magaalattiitti raawwatameen reeffi namaa lafa guutee ture jedha.
Lola hammaataa Oromiyaa keessaa kan Waraana bilisummaa Oromoo fi mootummaa gidduutti deemaa jiruun torban darbe qofa Lixa Oromiyaatti lammiileen nagaa hedduun miidhamuu Assoshiyeetd Prees gabaase.
Yeroo wal fakkaataa waraana guddicha kaaba biyyattii araaraan xumuruuf gareewwan TPLF fi mootummaa giddugaleessaa carraaqqii gochaa jiranitti wal waraansi hamaan naannoo guddicha biyyattii Oromiyaa keessatti deemaa jira jedha gabaasni miidiyaa Ameerikaa kun.
Akka jiraataan godina Wallagga Lixaa magaalaa Biilaa tokko natti himetti haleellaa waan qilleensarra barriftu takkaan Sadaasa 02, 2022 raawwatameen namoonni nagaa dhumanii reeffi lafarra guutee ture jedha.
Wanni qilleensarraa namni kun jedhu Diroonii waraanaa ta’uusaati jedha Assoshiyeetid prees.
“Guyyaan isaa guyyaa gabaa ti. Barattoonni mana barnootaarraa galaa turan” jechuun hima namni odeessa kana naa kenne kan sodaa nageenyaaf eenyummaan isaa akka himamu hin feene jedha.
“Baay’ina namoota dhumanii hin yaadadhu garuu reeffa baay’eetu ture. Kuun immoo madaayan” jechuun AP’tti hime jiraataan magaalaa Biilaa.
Warri ragaa bahan akka himanitti haleellaawwan miilanaa Oromiyaa keessaaf jiraattoonni mootummaa Itoophiyaa himatu.
Lubni magaalaa Biilaa tokko akka jedhetti warri bataskaana isaanii namoota haleellaa diroonii kanaan dhuman 11 awwaalanii jiru.
Akka yaada luba kanaatti namoonni dhibbaan lakkaawaman madaawanii hospitaala itti dhiyoo jirutti geeffamanii jiru.
Walwaraansi magaalaa Naqamtee akka tures APn gabaasee jira.
Dubbii himaan Waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii twiitara isaanii irratti akka barreessanitti loltoonni isaanii oppireeshinii kanaan magaalaa Naqamtee keessaa hidhamtoota siyaasaa 120 mana hidhaarraa gadhiisisuu himan.
Akka dubbii himaan kun jedhanitti oppireeshinii sanaan maandheewwan waraana mootummaa baay’een rukutamaniiru.
Dubbii himaan mootummaa Itoophiyaa Laggasa Tulluu waayee wal waraansa tibbanaa gaaffii gaafanneef deebii nuuf hin kennine jedha AP’n.
Mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo barbadeessuu kana dura irra deddeebiin himaa ture.