๐—”๐—ท๐—ท๐—ฒ๐—ฒ๐—ฐ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ ๐—จ๐—บ๐—บ๐—ฎ๐˜๐—ฎ ๐—ก๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐—ฎ ๐—œ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ฅ๐—ฎ๐—ฎ๐˜„๐˜„๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—บ๐—ฒ ๐—œ๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฐ๐—ต๐—ถ๐˜€๐—ฒ๐—ฒ ๐—œ๐—ฏ๐˜€๐—ฎ ๐—”๐—•๐—ข – ๐—ฆ๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐˜€๐—ฎ ๐Ÿญ๐Ÿฌ/๐Ÿฎ๐Ÿฌ๐Ÿฎ๐Ÿฎ

๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š๐ง ๐๐š๐š๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ญ๐ฌ๐ข๐ ๐ข๐ง๐ง๐š๐š ๐€๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐œ๐ก๐š๐š ๐†๐š๐ซ๐š ๐‰๐š๐›๐ข๐ง๐š๐š๐ง ๐”๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š ๐๐š๐ ๐š๐š ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‘๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐ฎ ๐‰๐š๐›๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ž๐ž ๐ˆ๐ญ๐ญ๐ข ๐…๐ฎ๐Ÿ๐ž๐ž ๐‰๐ข๐ซ๐š

๐—”๐—ท๐—ท๐—ฒ๐—ฒ๐—ฐ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ ๐—จ๐—บ๐—บ๐—ฎ๐˜๐—ฎ ๐—ก๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐—ฎ ๐—œ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ฅ๐—ฎ๐—ฎ๐˜„๐˜„๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—บ๐—ฒ ๐—œ๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฐ๐—ต๐—ถ๐˜€๐—ฒ๐—ฒ ๐—œ๐—ฏ๐˜€๐—ฎ ๐—”๐—•๐—ข – ๐—ฆ๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐˜€๐—ฎ ๐Ÿญ๐Ÿฌ/๐Ÿฎ๐Ÿฌ๐Ÿฎ๐Ÿฎ

Murni Biltsiginnaa aangoo caasaa siyaasaa fi tika mootummaa Itoophiyaa qofaa isaa dhuunfatee jiru, haleellaa fi ajjeechaa ummata nagaa irratti raawwatu Lixa Oromiyaa keessatti jabeessee itti fufee jira.

Kanumaan humni qilleensaa murnichaa gaafa guyyaa Sadaasa 09/2022 Mig-29n Lixa Oromiyaa Magaalaa Mandii iddoowwan lamaa fi naannoo magaalaa Daalattii marsaa afuriin haleelee jira. Maddeen keenya akka himanitti boombileen ummata nagaa irratti darbatamaa turan kunniin raadiyeesii meetira 600 haguuguu kan dandaโ€™u yoo taโ€™u, kanaanis lubbuu namoota nagaa hedduu fi qabeenya adda addaa naannootti argaman guutummaatti barbadeessuu ni dandaโ€™a. Maddeen amanamoon akka gabaasanitti haleellaa kanaan namoonni 100 ol kan ajjeefaman yoo tahu, hedduun ammoo madaaโ€™anii jiru.

Haleellaa fi ajjeechaan suukanneessaan kun kan jalqabaa miti. Ajjeechaa gara jabinaa ammaan dura ummata nagaa irratti raawwatame ilaalchisee gabaasa keenya dhiyeessine lammiilee biyyaattii fi hawaasa idil-addunyaa yaadachiifna.

Sadaasa 02, 2022 haleellaan qilleensaa walfakkaataan, naannoo namoota nagaa irratti xiyyeeffate, Lixa Wallaggaa magaalaa Biilaatti namoota 80 ol ajjeesuu isaanii, gabaasa keenyatti dabalee odeeffataan BBC Afaan Oromootti himee jira.

Odeeffataan biyya keessaa AP jedhamu akka gabaasetti โ€˜reeffi namaa lafa irratti facaโ€™ee ture โ€˜xiyyaara xiqqaa balaliโ€™uun akka rukutame ibsuun, haleellaan diroonii namoota nagaa irratti akka raawwatame mirkaneessee jira. Haleellaan kun yeroo barattoonni mana barumsaatii galanitti akka raawwatame maddeen keenya Magaalaa Biilaa mirkaneessanii jiru. Gabaasni APโ€™s barattoonni kutaa 11ffaa miidhamtoota keessatti akka argaman mirkaneessa. Gabaasaaleen yeroo dhihoo asitti nu dhaqqabaa jiran, kan nuti mirkaneessuuf hojjechaa jirru, namoonni miidhaman 129 akka taโ€™an ibsu.

Gaafa guyyaa Onkoloolessa 20, 2022 humni qilleensaa Mootummaa Federaalaa Godina Shawaa Lixaa Ona Meettaa Walqixxee fi Finfinnee irraa km 80 fagaattee kan argamtu magaalaa Minaaree keessatti haleellaa qilleensaa gaggeessee lammiilee nagaa 70 ol ajjeesee jira. Namoota miidhaman keessaa maatii tokko keessaa namoonni sadii keessatti argamu.

Haleellaa qilleensaa walfakkaataan Onkoloolessa 24,2022 Godina Shawaa Lixaa Ona Coobii keessatti lubbuu namoota 60 olii galaafateera.

Gaafa guyyaa Onkoloolessa 23, 2022 haleellaan qilleensaa Mig-29 Godina Shawaa Bahaa Ona Fantallee; Godina Showa Lixaa Ona Meettaa Walqixxee fi Gindabarat akkasumas Gona Wallaggaa Bahaa Ona Nuunnuu Qumbaa keessatti raawwatameen lubbuun namoota nagaa hedduun ajjeefamee kaan ammoo madaaโ€™anii jiru. Bakkeewwan kanneen keessatti manneenii fi meeshaaleen biroo miidhamtootaa, keessattuu horiin buโ€™uura jireenya isaanii taโ€™an guutummaatti barbadaaโ€™aniiru.

Addi Bilisummaa Oromoo ammas Dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbileen mirga namoomaa addunyaa fi biyyoolessaa, ajjeechaa gara jabinaa lammiilee nagaa dubartoota, daaโ€™immanii fi maanguddoota irratti raawwataman kana akka qoratan waamicha dhiyeessa. Namootni dhuunfaa fi dhaabbileen nagaa jaallatan hundi dirqama isaanii baโ€™achuu qabu. Keessattuu Manni Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gocha fokkisaa fi hammeenyaa ummata nagaa irratti xiyyeeffate kana qaama walaba taโ€™een qorachiisee itti gaafatamummaa isaa akka bahu gaafanna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 10/2022
Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *